LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 9:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Mucaan nuuf dhalateera,+

      Ilmi nuuf kennameera;

      Bulchiinsi* gateettii isaa irra ni taʼa.+

      Maqaan isaas, Gorsaa Dinqii,+ Waaqa Jabaa,+ Abbaa Bara Baraa, Bulchaa Nagaa jedhama.

       7 Teessoo Daawitii+ fi mootummaa isaa irratti,

      Badhaadhinni bulchiinsa* isaa,

      Nagaan isaas dhuma hin qabaatu;+

      Ammaa jalqabee bara baraaf,

      Haqaa+ fi qajeelummaadhaan+

      Cimee ni dhaabbata,+ ni jiraatas.

      Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.

  • Isaayyaas 16:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Achiis teessoon tokko jaalala amanamaadhaan jabaatee ni dhaabbata.

      Inni dunkaana Daawit keessatti teessoo sana irra taaʼus amanamaa ni taʼa;+

      Haqaan murtii ni kenna, saffisaanis qajeelummaa ni raawwachiisa.”+

  • Ermiyaas 23:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+

  • Hisqiʼel 37:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “‘“Tajaajilaan koo Daawit mootii isaanii ni taʼa;+ hundi isaaniis tiksee tokko ni qabaatu.+ Akka heera kootti ni deddeebiʼu; dambiiwwan koos of eeggannoodhaan ni raawwatu.+ 25 Isaan biyya ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kennee fi abbootiin keessan keessa jiraachaa turan keessa ni jiraatu;+ isaanis taʼan ijoolleen* isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii bara baraaf ishii keessa ni jiraatu;+ tajaajilaan koo Daawitis bara baraaf geggeessaa* isaanii ni taʼa.+

  • Zakkaariyaas 12:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Guyyaa sanatti Yihowaan jiraattota Yerusaalemiif ittisa ni taʼa;+ guyyaa sanatti isaan gidduudhaa namni gufatu* akka Daawit ni taʼa; manni Daawitis akka Waaqayyoo, akka maleekaa Yihowaa isaan dura deemuu ni taʼu.+

  • Luqaas 1:31-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa;+ maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta.+ 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi