LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:8-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Atis deebitee sagalee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaas ni eegda. 9 Yihowaan akkuma abbootii keetti gammadetti,+ ammas sooressa si gochuutti waan gammaduuf, Waaqni kee Yihowaan ijoollee kee, horiiwwan kee fi oomisha lafa keetii baayʼisuudhaan, hojii harka kee hundumaatiin baayʼee badhaadhaa akka taatu ni godha.+ 10 Achiis sagalee Waaqa kee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra kitaaba Seeraa kana irratti barreeffaman ni eegda; garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaanis gara Waaqa kee Yihowaatti ni deebita.+

  • Ermiyaas 32:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Yeroo hundumaa akka na sodaataniif garaa tokkoo+ fi daandii tokko isaaniif nan kenna; kunis isaaniifis taʼe ijoollee isaanii warra isaan booda dhufaniif gaarii akka taʼuufi.+

  • Hisqiʼel 36:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Ani hafuura koo isin keessa nan kaaʼa, dambiiwwan kootiin akka deddeebitanis nan godha;+ isin heerawwan koo ni eegdu, hojii irras ni oolchitu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi