-
1 Pheexiros 5:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan* tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa;+ kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan,+ buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin,+ hawwii guddaadhaan raawwadhaa; 3 warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin,+ tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan+ isaan tiksaa. 4 Dura buutuun tiksitootaa+ yommuu mulʼifamu, gonfoo ulfinaa isa badaa hin deemne argattu.+
-