LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Ximotewos 4:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame,* baroota boodaatti namoonni tokko tokko dubbiiwwan nama dogoggorsan warra geggeessaa hafuuraatiin dubbatamaniif,*+ akkasumas barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata;

  • 2 Ximotewos 4:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sababiin isaas, yeroon namoonni barumsa gaarii*+ taʼe itti hin obsine ni dhufa; kanaa mannaa, akka fedhii isaaniitti barsiisota gurra isaanii isaaniif qirqirsan* walitti qabatu.+ 4 Isaan dhugaa dhaggeeffachuu irraa garagaluudhaan, seenaa sobaatiif xiyyeeffannaa kennu.

  • 1 Yohaannis 2:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa ijoolle, kun saʼaatii dhumaa ti; akkuma dhageessan mormituun Kiristoos dhufaa jira,+ ammuma iyyuu mormitoonni Kiristoos baayʼeen kaʼaniiru;+ kun saʼaatii dhumaa taʼuu isaa kanaan beekna. 19 Isaan nu keessaa baʼan, taʼus garee keenya* hin turre;+ sababiin isaas, utuu garee keenya taʼanii nuu wajjin itti fufu turan. Haa taʼu malee, garee keenya kan taʼan hunda isaanii akka hin taane akka beekamuuf isaan nu keessaa baʼaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi