-
1 Pheexiros 4:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa garaa garaa mulʼateef+ tajaajiltoota gaarii waan taataniif, kennaa argattanitti hammuma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa. 11 Namni dubbatu yoo jiraate akka nama dubbii Waaqayyoo dubbatuutti haa dubbatu; namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu;+ kunis Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos wanta hundumaan ulfina akka argatuufi.+ Ulfinnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti kan isaa ti. Ameen.
-