-
Roomaa 12:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kanaafuu, akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf,+ kennaan keenya raajii dubbachuu yoo taʼe, akka amantii nuuf kennameetti haa dubbannu; 7 yookiin kennaan keenya tajaajiluu yoo taʼe, tajaajiluu keenya itti haa fufnu; inni barsiisus barsiisuu isaa itti haa fufu;+ 8 inni jajjabeessu,* haa jajjabeessu;*+ inni kennu* arjummaadhaan haa kennu;+ inni dura buʼu dhimmee* kana haa godhu;+ inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.+
-