-
1 Qorontos 12:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Isa tokkoof karaa hafuura sanaa kennaa ogummaadhaan dubbachuutu kennama; isa tokkoof immoo hafuuruma sanaan dandeettii beekumsaan dubbachuutu kennama; 9 isa tokkoof hafuuruma sanaan amantiitu kennama;+ isa tokkoof immoo hafuuruma tokkicha sanaan kennaa fayyisuutu kennama;+ 10 isa tokkoof dinqii hojjechuu,+ isa tokkoof raajii dubbachuu, isa tokkoof wanta geggeessaa hafuuraatiin dubbatame hubachuu,+ isa tokkoof qooqa biraadhaan dubbachuu,+ isa tokkoof immoo qooqa biraa hiikuutu kennama.+
-