-
Efesoon 6:14-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Egaa, qabattoo dhugaatiin mudhii keessan hidhachuudhaan,+ uffata qomaa* qajeelinaa uffachuudhaan,+ 15 akkasumas misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuuf miila keessanitti kophee kaaʼachuudhaan jabaadhaa dhaabbadhaa.+ 16 Kana hunda malees, gaachana amantii+ guddaa isa xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan*+ hunda dhaamsuuf isin dandeessisu kaasaa. 17 Kana malees, baarmeexaa sibiilaa fayyinaa+ fi goraadee hafuuraa isa dubbii Waaqayyoo+ taʼe fudhadhaa;
-