LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Ximotewos 1:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yeroon Maqedooniyaa dhaquuf kaʼetti ati Efesoon keessa akka turtu akkuman si jajjabeesse, ammas namoonni tokko tokko barumsa sobaa akka hin barsiisne isaan ajajuuf achuma akka turtu sin jajjabeessa; 4 oduu sobaa+ fi hidda dhalootaatiif xiyyeeffannaa akka hin kennines isaan ajaji. Wantoonni akkasii faayidaa tokko illee hin qaban;+ kanaa mannaa, tilmaama irratti kan hundaaʼan yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen Waaqayyo biraa wanta argamsiisan hin qaban.

  • 1 Ximotewos 4:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, seenaa sobaa Waaqayyoon mormu, isa akka dubartoonni dullooman dubbatanii irraa fagaadhu.+ Kanaa mannaa, Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi.

  • Tiitoo 3:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Haa taʼu malee, falmii gowwummaa, hidda dhalootaa lakkaaʼuu, akkasumas Seericha irratti wal falmuu fi wal loluu irraa fagaadhu; sababiin isaas, wantoonni kun buʼaas taʼe gatii hin qaban.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi