-
Lakkoofsa 18:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Isiniif kennaa akka taʼaniif Israaʼelota gidduudhaa Leewwota warra obboloota keessan taʼan ofii kootiin fudhadheera.+ Isaan tajaajila dunkaana qulqulluu akka raawwataniif Yihowaadhaaf kan kennamani dha.+ 7 Atii fi ilmaan kee hojiiwwan luboota taʼuudhaan raawwattan warra iddoo aarsaa fi wanta golgaa keessa jiruu+ wajjin wal qabataniif itti gaafatamummaa qabdu; isin tajaajila kana raawwachuu qabdu.+ Tajaajila lubummaa kennaa godhee isiniif kenneera; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+
-