9 Dunkaanni kun yeroo ammaatiif fakkeenya dha;+ akka qophii kanaattis kennaawwanii fi aarsaawwan ni dhihaatu turan.+ Taʼus, wantoonni kun qalbiin nama tajaajila qulqulluu dhiheessu sanaa guutummaatti qulqulluu akka taʼu gochuu hin dandaʼan.+
24 Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti+ hin seenne;+ kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo* duratti mulʼachuuf+ kallattiidhaan gara samiitti seene.+