-
1 Saamuʼel 2:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Namni Waaqayyoo tokkos gara Eelii dhufee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani utuu isaan biyya Gibxiitti mana Faraʼoon keessatti garboota taʼanii jiranii, mana abbaa keetti ifatti of hin mulʼisnee?+ 28 Inni luba taʼee akka na tajaajiluuf, gara iddoo aarsaa kootti ol baʼee+ aarsaawwan akka dhiheessuuf, ixaana akka aarsuu* fi ana duratti efuudii akka uffatuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filatamee ture;+ anis aarsaawwan Israaʼelonni* ibiddaan dhiheessan hundumaa mana abbaa keetiif kenneen ture.+
-