-
Leewwota 10:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kana malees ati, ijoolleen dhiiraa kee fi ijoolleen durbaa kee warri sii wajjin jiran+ handaraafa aarsaa sochoofamuu fi luka gaʼee qulqulluu taʼe+ sana iddoo qulqulluu keessatti nyaadhaa; sababiin isaas, wantoonni kun aarsaawwan gamtaa Israaʼelonni dhiheessan keessaa gaʼee kee fi gaʼee ilmaan keetii akka taʼaniif kan kennamani dha.
-
-
Lakkoofsa 18:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii fi aarsaawwan ibiddaan dhihaatan keessaa aarsaawwan midhaanii+ isaanii, aarsaawwan cubbuu+ isaanii fi aarsaawwan yakkaa+ isaanii warra gara kootti fidan dabalatee aarsaan isaan dhiheessan hundi kan kee ni taʼa. Kun sii fi ilmaan keetiif hundumaa caalaa qulqulluu dha.
-