LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 29:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Qoma aarsaa sochoofamu sanaa fi luka gaʼee qulqulluu warra sochoofaman, warra korbeessa hoolaa yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu+ irratti Aaronii fi ilmaan isaatiif dhihaatu irraa fudhataman sana qulqulleessi. 28 Wanti kun gaʼee qulqulluu waan taʼeef, kan Aaronii fi kan ilmaan isaa haa taʼu; Israaʼelonnis wanta kana dambii dhaabbataa godhanii raawwatu; kun gaʼee qulqulluu Israaʼelonni kennan ni taʼa.+ Kun aarsaawwan gamtaa isaanii keessaa gaʼee isaanii isa qulqulluu isa Yihowaadhaaf kennamu dha.+

  • Lakkoofsa 18:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+

  • Keessa Deebii 18:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Luboonni sabicha irraa wantoota kana argachuuf mirga qabu: Namni qotiyyoo yookiin hoolaa aarsaa godhee dhiheessu kam iyyuu, harka isaa, mangaagaa isaa fi miʼawwan garaa isaa lubichaaf ni kenna.

  • Hisqiʼel 44:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Isaan aarsaa midhaanii,+ aarsaa cubbuu fi aarsaa yakkaa+ ni nyaatu; Israaʼel keessatti wanti adda baafame kam iyyuu kan isaanii ni taʼa.+

  • 1 Qorontos 9:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi