-
Ibroota 10:19-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yaa obbolootaa, dhiiga Yesuusiin daandii gara iddoo qulqulluutti+ geessutti galuuf ija jabina* arganneerra; 20 daandiin inni nuuf bane* kun daandii haaraa gara jireenyaatti geessu dha; kana kan godhes golgaa+ sana jechuunis foon isaa keessa darbuudhaani; 21 akkasumas luba guddaa mana Waaqayyoo irratti muudame qabna;+ 22 kanaafuu, qalbii hamaa irraa qulqullaaʼuudhaaf+ garaa keenyatti facaafannee, akkasumas qaama keenya bishaan qulqulluudhaan dhiqannee+ garaa qulqulluu fi amantii guutuudhaan Waaqayyotti haa dhihaannu.
-