LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Roomaa 2:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Inni nama hundumaatiif akka hojii isaatti deebisee ni kaffala:+ 7 warra hojii gaarii hojjechuutti jabaachuudhaan ulfina, kabajaa fi jireenya hin badne+ barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna;

  • 2 Ximotewos 4:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Lola isa gaarii loleera,+ dorgommicha irratti hamma dhumaatti fiigeera,+ amantiis eegeera. 8 Ammaa jalqabee gonfoon qajeelinaa,+ Gooftaan inni abbaa murtii+ qajeelaa taʼe guyyaa sana akka badhaasaatti kennu naaf qophaaʼeera;+ taʼus warra mulʼachuu isaa hawwiidhaan eeggatan hundumaatiif malee anaaf qofa miti.

  • Yaaqoob 1:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha;+ sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa+ isa Yihowaan* warra isa jaallachuu isaanii itti fufaniif waadaa gale+ ni argata.

  • Mulʼata 20:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi