Hoseʼaa
5 “Yaa luboota nana, kana dhagaʼaa,+
Yaa mana Israaʼel, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,
Yaa mana mootichaa, dhagaʼaa,
Sababiin isaas, murtiin kun isin ilaallata;
Isin Misphaatti kiyyoo,
Taabor irrattis saaphana diriirfame taataniittu.+
2 Warri na irraa fagaatan* dhiiga dhangalaasuutti qabamaniiru,
Anis hunda isaanii nan akeekkachiisa.*
3 Ani Efreemiin beeka,
Israaʼelis na duraa hin dhokanne.
4 Gochi isaanii gara Waaqaatti akka deebiʼan isaaniif hin heyyamu,
Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* isaan gidduu jira;+
Isaan Yihowaadhaaf beekamtii hin kennan.
5 Koorri Israaʼel isa irratti* ragaa baʼeera;+
Israaʼelii fi Efreem balleessaa isaaniitiin gufataniiru,
Yihudaanis isaanii wajjin gufateera.+
6 Isaan bushaayee fi loon isaanii qabatanii Yihowaa barbaaddachuuf deeman,
Garuu isa argachuu hin dandeenye.
Inni isaan irraa fagaatee ture.+
7 Isaan Yihowaa gananiiru,+
Ilmaan orma taʼan dhalchaniiru.
Isaanis taʼan gaʼeen* isaanii jiʼa tokko gidduutti ni badu.
8 Gibeʼaa keessatti xurumbaa,* Raamaa keessattis malakata afuufaa!+
‘Yaa Biiniyaam, si hordofaa jirra!’ jedhaatii Beet Aween keessatti iyya waraanaa dhageessisaa!+
9 Yaa Efreem, guyyaa adabaatti wanta nama sodaachisu ni taata.+
Ani wanta dhugumaan gosoota Israaʼel gidduutti raawwatamu beeksiseera.
10 Bulchitoonni Yihudaa akka warra daangaa dhiibanii ti.+
Ani akkuma bishaaniitti dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa.
11 Efreem cunqurfameera, murtiidhaan caccabeera,
Sababiin isaas, inni diina isaa duukaa buʼuuf murteesseera.+
12 Kanaafuu, ani Efreemitti akka bilii,
Mana Yihudaattis akka daanawoo taʼeera.
13 Efreem dhukkuba isaa yommuu argu, Yihudaanis madaa isaa yommuu argu,
Efreem gara Asoor ni dhaqe,+ mootii guddichattis ergamtoota ni ergate.
Inni garuu isin fayyisuu hin dandeenye;
Madaa keessanis fayyisuu hin dandeenye.
14 Ani Efreemitti leenca saafela,
Mana Yihudaattis leenca cimaa nan taʼa.
15 Rakkina balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu hamma baatanitti ani nan deema; gara iddoo koottis nan deebiʼa,
Yommuu dhiphatanitti na barbaaddatu.”+