Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.*
58 Isin yeroo calluma jettanii jirtanitti waaʼee qajeelummaa dubbachuu dandeessuu?+
Isin ilmaan namootaa, qajeelummaadhaan murtii kennuu ni dandeessuu?+
2 Kanaa mannaa, garaa keessan keessatti jalʼina qopheessitu,+
Harki keessanis biyyattii keessatti jalʼina babalʼisa.+
3 Hamoonni yeroo dhalatanii* jalqabee karaa irraa goraniiru;*
Isaan yeroo dhalatanii jalqabee addaggee fi sobdoota dha.
4 Summiin isaanii akkuma summii bofaa ti;+
Isaan akkuma marʼataa gurra isaa ol dhaabeetti duudaa dha.
5 Falfalli isaanii hammam iyyuu ogummaadhaan kan tolfame yoo taʼe,
Inni sagalee isaanii hin dhagaʼu.
6 Yaa Waaqayyo, ilkaan isaanii afaan isaanii keessaa harcaasi!
Yaa Yihowaa, mangaagaa leencota* kanaa caccabsi!
7 Isaan akka bishaan gogeetti haa badan.
Inni iddaa isaa dabsee, xiyya isaatiin akka kukkufan haa godhu.
8 Isaan akka ciilalluu yommuu deemu baqee dhumuu,
Akka daaʼima duʼee dhalate isa matumaa aduu hin arginees haa taʼan.
9 Mukti goraa distii jalatti ni bobaʼa.
Taʼus, distiin sun hoʼuu isaa dura Waaqayyo obomboleettiin muka goraa isa jiidhaa fi isa gogaa sana haxaaʼee akka balleessu godha.+
10 Namni qajeelaan Waaqayyo yommuu haaloo baʼu waan arguuf ni gammada;+
Miilli isaas dhiiga isa hamaatiin ni jiidha.+
11 Achiis namoonni, “Namni qajeelaan badhaasa akka argatu beekamaa dha.+
Dhuguma iyyuu, Waaqni lafa irratti murtii kennu jira” jedhu.+