Mulʼata Yohaannis
10 Maleekaa jabaan kan biraan tokko duumessa uffatee* utuu samii irraa gad buʼuu nan arge; mataa isaa irra sabbanni waaqaa jira ture, fuulli isaa aduu fakkaata,+ miilli isaas utubaa ibiddaa fakkaata ture; 2 inni maraa kitaabaa hiikamee jiruu fi xinnoo taʼe harka isaatti qabatee ture. Akkasumas miila isaa mirgaatiin galaana irra, miila isaa bitaatiin immoo lafa gogaa irra ejjete; 3 akka leenca barooduuttis sagalee guddaadhaan ni iyye.+ Yeroo inni iyyus sagaleewwan kakawwee+ torban sanaa ni dubbatan.
4 Anis yommuu kakawween torban sun dubbatan barreessuufan kaʼe; haa taʼu malee, samii keessaa+ sagaleen tokko, “Wantoota kakawween torban sun dubbatan chaappaadhaan cufi malee hin barreessin” yommuu jedhu nan dhagaʼe. 5 Maleekaan ani galaanaa fi lafa irra dhaabbatee arge sun harka isaa mirgaa gara samiitti ol kaase; 6 achiis isa baraa hamma bara baraatti jiraatu,+ isa samii fi wantoota achi keessa jiran, lafaa fi wantoota achi keessa jiran, akkasumas galaanaa fi wantoota achi keessa jiran uume+ sanaan kakatee akkana jedhe: “Kana booda lafa irra harkisuun hin jiru. 7 Kanaa mannaa, guyyoota maleekaan torbaffaan+ malakata isaa afuufuuf jedhutti,+ iccitii qulqulluun+ Waaqayyo garboota isaa warra raajota+ taʼaniif akka misiraachootti labse ni raawwatama.”
8 Ammas samii keessaa+ sagalee, “Dhaqi, maleekaa isa galaanaa fi lafa gogaa irra dhaabbate sana harkaa maraa kitaabaa hiikame sana fuudhi” jedhee natti dubbatu nan dhagaʼe.+ 9 Anis gara maleekaa sanaa dhaqeen maraa kitaabaa xinnoo sana akka anaaf kennu gaafadhe. Innis, “Fudhadhuu nyaadhu;+ inni garaa kee ni hadheessa, afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa” naan jedhe. 10 Anis maraa kitaabaa xinnoo sana maleekaa sana harkaa fuudhee nan nyaadhe;+ inni afaan koo keessatti akka dammaa miʼaawaa taʼe,+ ergan nyaadhee booda garuu garaan koo hadhaaʼaa taʼe. 11 Sagalee, “Namoota, saboota, qooqawwanii fi mootota hedduu ilaalchisee ammas raajii dubbachuu qabda” jedhus nan dhagaʼe.