LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 27
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos dooniidhaan gara Roomaa dhaqe (1-12)

      • Bubbee hamaan doonicha rukute (13-38)

      • Doonichi ni caccabe (39-44)

Hojii Ergamootaa 27:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:12

Hojii Ergamootaa 27:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 19:29; 20:4; Qol 4:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 233

Hojii Ergamootaa 27:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 233

Hojii Ergamootaa 27:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 233, 238

Hojii Ergamootaa 27:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 233-234, 238

Hojii Ergamootaa 27:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 233-234, 238

Hojii Ergamootaa 27:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 234-235

Hojii Ergamootaa 27:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235

Hojii Ergamootaa 27:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 16:29, 30; 23:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 5 2017, ful. 9

Hojii Ergamootaa 27:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 5 2017, ful. 9

Hojii Ergamootaa 27:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235

Hojii Ergamootaa 27:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235

Hojii Ergamootaa 27:14

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, qilleensa kaaba bahaa.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235-237

Hojii Ergamootaa 27:16

Miiljaleewwan

  • *

    Bidiruu dabalataa lubbuu baraaruuf gargaaru.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235-237

Hojii Ergamootaa 27:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235-237

Hojii Ergamootaa 27:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 235-237

Hojii Ergamootaa 27:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 237

Hojii Ergamootaa 27:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:9, 10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 237

Hojii Ergamootaa 27:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 237

Hojii Ergamootaa 27:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 5:18, 19; Ibr 1:7, 14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 237-238

Hojii Ergamootaa 27:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:11; 25:11, 12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2016, ful. 15-16

Hojii Ergamootaa 27:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 28:1

Hojii Ergamootaa 27:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 238-239

Hojii Ergamootaa 27:28

Miiljaleewwan

  • *

    Safartuu gad fageenyaatiin gara faatamii 20. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

  • *

    Safartuu gad fageenyaatiin gara faatamii 15. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Hojii Ergamootaa 27:29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 238-239

Hojii Ergamootaa 27:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:22

Hojii Ergamootaa 27:35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 236, 238-239

Hojii Ergamootaa 27:37

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuuwwan.”

Hojii Ergamootaa 27:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yon 1:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 239

Hojii Ergamootaa 27:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 28:1

Hojii Ergamootaa 27:40

Miiljaleewwan

  • *

    Muka doonii ittiin oofan.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 239

Hojii Ergamootaa 27:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:22; 2Qo 11:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 239

Hojii Ergamootaa 27:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:23, 24

Yaada Wal Simu

HoE. 27:1HoE 25:12
HoE. 27:2HoE 19:29; 20:4; Qol 4:10
HoE. 27:9Lew 16:29, 30; 23:27
HoE. 27:21HoE 27:9, 10
HoE. 27:23HoE 5:18, 19; Ibr 1:7, 14
HoE. 27:24HoE 23:11; 25:11, 12
HoE. 27:26HoE 28:1
HoE. 27:31HoE 27:22
HoE. 27:38Yon 1:5
HoE. 27:39HoE 28:1
HoE. 27:41HoE 27:22; 2Qo 11:25
HoE. 27:44HoE 27:23, 24
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 27:1-44

Hojii Ergamootaa

27 Dooniidhaan gara Xaaliyaanii akka dhaqnu waan murteeffameef,+ Phaawulosii fi hidhamtoota tokko tokko ajajaa dhibbaa Yuuliyoos isa miseensa kutaa loltootaa Awugusxos taʼetti dabarsanii kennan. 2 Achiis doonii Adraamixiisii kaʼee gara buufatawwan doonii qarqara galaanaa koonyaa Eeshiyaa dhaqu tokko yaabbannee deemuu jalqabne; Arisxaarkos+ inni nama Maqedooniyaa taʼee fi Tasalonqeedhaa dhufe nuu wajjin ture. 3 Guyyaa itti aanutti Siidoon kan geenye yeroo taʼu, Yuuliyoos Phaawulositti gaarummaa argisiisuudhaan gara michoota isaa dhaqee gargaarsa akka argatu isaaf heyyame.

4 Achii kaanees Qophrosiin dahoo godhannee dooniidhaan deemuu keenya itti fufne; sababiin isaas, bubbeen sun gara keenyatti bubbisa ture. 5 Achiis galaana Kiilqiyaa fi Phamfiliyaa qarqaratti argamu qaxxaamurree buufata doonii Miiraa ishii Liiqiyaa keessa jirtutti argamu geenye. 6 Bakka kanatti ajajaan dhibbaa sun doonii Iskindiriyaadhaa dhufee gara Xaaliyaanii dhaqaa jiru tokko argatee nu yaabbachiise. 7 Achiis guyyoota hedduudhaaf suuta erga deemnee booda, rakkina guddaadhaan Kiniidoos geenye. Bubbeen sun fuulduratti deemuu waan nu dhowweef, Qarxeesiin dahoo godhannee Salmoonaa bira darbinee deemne. 8 Qarqara galaanichaa qabannee deemuudhaan rakkina guddaadhaan bakka Buufata Baʼeessa jedhamuu fi magaalaa Laasiyaa biratti argamu geenye.

9 Yeroo dheeraa waan turree fi soomni Guyyaa Araaraa+ illee waan darbeef, yeroo kanatti dooniidhaan deemuun rakkisaa ture; kanaafuu, Phaawulos yaada tokko dhiheesse; 10 akkana isaaniin jedhe: “Yaa namoota nana, imalli kun feʼisichaa fi doonicha qofa irratti utuu hin taʼin, lubbuu keenya irrattis miidhaa fi badiisa guddaa geessisuu akka dandaʼu natti mulʼata.” 11 Ajajaan dhibbaa sun garuu wanta Phaawulos dubbate fudhachuu mannaa wanta namichi doonii oofuu fi abbaan doonii sun jedhan dhagaʼe. 12 Buufanni doonii sun ganna achi baʼuuf mijataa waan hin turreef, isaan keessaa hedduun yoo dandaʼame achii kaʼanii ganna Fiinqee ishii buufata doonii Qarxees taatetti dabarsuuf yaada dhiheessan; buufanni kun gara kaaba bahaa fi gara kibba bahaatti deemuuf kan dandeessisu dha.

13 Bubbeen kibbaa suuta yommuu bubbisu, kaayyoon isaanii kan isaaniif milkaaʼe waan isaanitti fakkaateef, qofoo doonichaa buqqisanii qarqara galaanaa Qarxees qabatanii deemuu jalqaban. 14 Yeroo muraasa booda garuu, bubbee hamaan Awuraaqiis* jedhamu odolicha irraa gad bubbisuu jalqabe. 15 Kanaafuu, doonichi deemuu hin dandeenye; bubbee sana kutee deemuu waan dadhabeef, callisnee bubbee sanaan oofamnee deemne. 16 Achiis odola xinnoo Kaawudaa jedhamtu dahoo godhannee saffisaan deemne; bidiruu xinnoo* duuba doonichaatti hidhamtee turte rakkina guddaadhaan oolchine. 17 Bidiruu sana ol harkisanii erga feʼanii booda doonicha naannoo isaa funyoodhaan hidhanii jabeessan; achiis kuufama cirrachaa Sirtiisitti* akka hin rukutamne waan sodaataniif, funyoo sharaa sanaa hiikanii erga gad butanii booda bubbee sanaan oofamaa deeman. 18 Bubbee sanaan akka malee raafamaa waan turreef, guyyaa itti aanutti feʼisa doonichaa salphisuu jalqaban. 19 Guyyaa sadaffaatti immoo, meeshaawwan doonichaa harkuma isaaniitiin galaanatti darbatan.

20 Guyyoota hedduudhaaf aduus taʼe urjii utuu hin argin waan turree fi bubbeen hamaan sun waan nu rakkiseef, abdiin ooluuf qabnu hundi badaa deeme. 21 Guyyoota hedduudhaaf nyaata utuu hin nyaatin erga turanii booda Phaawulos kaʼee isaan gidduu dhaabbatee akkana jedhe: “Yaa namoota nana, utuu gorsa koo dhageessanii Qarxeesii hin kaane taʼee, miidhaa fi badiisni kun hundi isin hin mudatu ture.+ 22 Ammas isinan gorsa, jabaadhaa! Doonicha malee isin keessaa namni* tokko illee hin badu. 23 Eda galgala Waaqayyo inni ani kan isaa taʼee fi tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessu maleekaa+ isaa ergee, 24 ‘Yaa Phaawulos, hin sodaatin. Ati Qeesaar dura ni dhaabbatta;+ kunoo, Waaqayyo siif jedhee warra sii wajjin deemaa jiran hunda ni oolcha’ naan jedhe. 25 Kanaafuu, namoota nana, jabaadhaa; sababiin isaas, wanti natti himame kun sirriitti akka raawwatamu ani Waaqayyo irratti amantii qaba. 26 Taʼus, qarqara odola tokkootti rukutamuun keenya hin oolu.”+

27 Halkan 14ffaatti utuu Galaana Adriiyaa irra asii fi achi oofamaa jirruu, halkan walakkaa namoonni doonicha irraa hojjetan gara qarqara galaanaatti dhihaachaa akka jiran shakkuu jalqaban. 28 Gad fageenya isaa yommuu safaran gara meetira 36* taʼee argatan; achiis xinnoo deemanii ammas yommuu safaran gara meetira 27* taʼee argatan. 29 Kattaatti rukutamna jedhanii waan sodaataniif, karaa duubaa qofoo afur gad buusanii barii lafaa hawwiidhaan eeggachuu jalqaban. 30 Haa taʼu malee, namoonni doonicha irraa hojjetan fuula doonichaa duraan qofoo waan gad buusan fakkeessanii bidiruu ishii xinnoo galaanatti gad buusanii doonicha keessaa miliquuf yommuu yaalii godhan, 31 Phaawulos, ajajaa dhibbaa fi loltoota sanaan, “Namoonni kun doonicha keessa yoo turan malee, ooluu hin dandeessan” jedhe.+ 32 Yeroo kanatti loltoonni sun funyoo bidiruu xinnoo sanaa kutanii galaanatti gadhiisan.

33 Yommuu bariʼuu jala gaʼu, Phaawulos nyaata akka nyaatan akkana jedhe hunda isaanii jajjabeesse: “Homaa utuu hin nyaatin yaaddoodhaan eeguu erga jalqabdanii harʼa kunoo guyyaa 14ffaa keessani. 34 Kanaafuu, nageenya keessaniif barbaachisaa waan taʼeef nyaata akka nyaattan isinan jajjabeessa; sababiin isaas, isin keessaa eenyu iyyuu rifeensi mataa isaa tokko illee hin badu.” 35 Erga kana dubbatee booda, daabboo fudhatee hunda isaanii duratti Waaqayyoon galateeffate; cabsees nyaachuu jalqabe. 36 Kanaafuu, hundi isaanii jajjabaatanii nyaata fudhatanii nyaachuu jalqaban. 37 Doonii sana keessa walumaa galatti namoota* 276 turre. 38 Nyaatanii erga quufanii booda, qamadii achi irratti feʼame galaanichatti daddarbatanii doonichi akka salphatu godhan.+

39 Yommuu bariʼus, biyya sana beekuu hin dandeenye;+ taʼus, galoo galaanaa cirracha qabu tokko arganii, yoo dandaʼan doonicha achitti geessuuf murteessan. 40 Kanaafuu, qofoowwan doonichaa kutanii galaanicha keessatti dhiisan, funyoo batoowwan* sun ittiin hidhamanis irraa hiikan; achiis sharaan fuula doonichaa dura jiru qilleensa akka argatu godhanii gara qarqara galaanichaa deemuu jalqaban. 41 Isaan cirracha galaanicha keessa jirutti yommuu rukutaman, fuuldurri doonichaa cirracha keessa galee sochoʼuu dide; duubni doonichaa garuu dambaliidhaan rukutamee caccabuu jalqabe.+ 42 Yeroo kanatti hidhamtoota sana keessaa tokko illee bishaan daakee akka hin miliqneef loltoonni isaan ajjeesuuf murteessan. 43 Ajajaan dhibbaa sun garuu Phaawulosiin oolchuuf waan murteesseef, loltoonni sun wanta yaadan kana akka hin raawwanne isaan dhowwe. Kanaafuu, warri bishaan daakuu dandaʼan dursanii galaanichatti utaalanii seenuudhaan gara lafaatti akka baʼan ajaje; 44 warri hafanis tokko tokko saanqaadhaan, warri kaan immoo caccabaa doonichaatiin akka baʼan ajaje. Akka kanaan hundi isaanii nagaadhaan gara lafaatti baʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi