LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 22
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Phaawulos uummata duratti falmate (1-21)

      • Phaawulos lammii Roomaa taʼuu isaatti fayyadame (22-29)

      • Yaaʼiin Saanhedriin walitti qabame (30)

Hojii Ergamootaa 22:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 1:7

Hojii Ergamootaa 22:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 11:1
  • +HoE 21:39
  • +HoE 5:34
  • +HoE 26:4, 5
  • +Gal 1:14; Flp 3:4-6

Hojii Ergamootaa 22:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:3; 9:1, 2; 26:9-11; 1Xi 1:12, 13

Hojii Ergamootaa 22:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:3-8; 26:13-15

Hojii Ergamootaa 22:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 26:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2012, ful. 28-29

Hojii Ergamootaa 22:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:17, 18

Hojii Ergamootaa 22:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 9:1; 15:8; Gal 1:15, 16

Hojii Ergamootaa 22:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:11; 26:16

Hojii Ergamootaa 22:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:43
  • +1Qo 6:11; 1Yo 1:7; Mul 1:5

Hojii Ergamootaa 22:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:26; Gal 1:18

Hojii Ergamootaa 22:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:28, 29

Hojii Ergamootaa 22:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:3

Hojii Ergamootaa 22:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 7:58; 8:1; 1Xi 1:13, 15

Hojii Ergamootaa 22:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:15; 13:2; Rom 1:5; 11:13; Gal 2:7; 1Xi 2:7

Hojii Ergamootaa 22:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 16:13

Hojii Ergamootaa 22:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:37, 38; 23:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2015, ful. 15

Hojii Ergamootaa 22:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:37

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 210

Hojii Ergamootaa 22:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:16

Hojii Ergamootaa 22:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:17, 18; Luq 21:12

Yaada Wal Simu

HoE. 22:1Flp 1:7
HoE. 22:3Rom 11:1
HoE. 22:3HoE 21:39
HoE. 22:3HoE 5:34
HoE. 22:3HoE 26:4, 5
HoE. 22:3Gal 1:14; Flp 3:4-6
HoE. 22:4HoE 8:3; 9:1, 2; 26:9-11; 1Xi 1:12, 13
HoE. 22:6HoE 9:3-8; 26:13-15
HoE. 22:10HoE 26:16
HoE. 22:13HoE 9:17, 18
HoE. 22:141Qo 9:1; 15:8; Gal 1:15, 16
HoE. 22:15HoE 23:11; 26:16
HoE. 22:16HoE 10:43
HoE. 22:161Qo 6:11; 1Yo 1:7; Mul 1:5
HoE. 22:17HoE 9:26; Gal 1:18
HoE. 22:18HoE 9:28, 29
HoE. 22:19HoE 8:3
HoE. 22:20HoE 7:58; 8:1; 1Xi 1:13, 15
HoE. 22:21HoE 9:15; 13:2; Rom 1:5; 11:13; Gal 2:7; 1Xi 2:7
HoE. 22:232Sa 16:13
HoE. 22:25HoE 16:37, 38; 23:27
HoE. 22:28HoE 16:37
HoE. 22:29HoE 25:16
HoE. 22:30Mat 10:17, 18; Luq 21:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 22:1-30

Hojii Ergamootaa

22 “Yaa obbolootaa fi abbootii koo, falmii ani isin duratti dhiheeffadhu dhaggeeffadhaa.”+ 2 Phaawulos Afaan Ibrootaatiin dubbachuu isaa yommuu dhagaʼan isa duraa caalaa callisan; innis akkana jedhe: 3 “Ani Yihudicha+ Xarsees ishii Kiilqiyaatti argamtutti dhalate dha;+ taʼus, magaalaa kana keessatti miila Gamaaliʼel jala taaʼeen baradhe;+ Seera abbootii keenyaa cimsee eeguu baradheera;+ akkuma harʼa hundi keessan gochaa jirtanis Waaqayyoof nan hinaafan ture.+ 4 Dhiirotaa fi dubartoota hidhee mana hidhaatti dabarsee kennuudhaan, namoota Daandii kana hordofan hanga duʼaatti ariʼadheera;+ 5 lubni ol aanaanii fi guutummaan yaaʼii maanguddootaa kana ragaa baʼuu dandaʼu. Ani xalayaa obboloota Damaasqoo jiraniif barreeffame isaan irraa fudhadhee, warra achi jiran hidhee gara Yerusaalem fidee adabsiisuuf deemaan ture.

6 “Haa taʼu malee, utuman deemaa jiruu, yommuun Damaasqootti dhihaadhu, gara guyyaa walakkaa akkuma tasaa ifni guddaan tokko samii irraa naannoo koo hundatti balaqqeessaʼe;+ 7 anis lafatti kufee sagaleen tokko, ‘Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?’ yommuu naan jedhu nan dhagaʼe. 8 Anis, ‘Yaa Gooftaa, ati eenyu?’ jedheen deebise. Innis, ‘Ani Yesuus nama Naazireet, isa ati ariʼattu sana dha’ naan jedhe. 9 Namoonni anaa wajjin turan ifa sana kan argan taʼus, sagalee isa anatti dubbachaa ture sanaa hin dhageenye. 10 Anis, ‘Yaa Gooftaa, maal godhu?’ jedheen isa gaafadhe. Gooftaanis, ‘Kaʼiitii gara Damaasqoo dhaqi; achitti wanti akka raawwattu siif murteeffame hundi sitti himama’ naan jedhe.+ 11 Taʼus, ifa guddaa sanaan kan kaʼe waan tokko illee arguu waanan hin dandeenyeef, namoonni anaa wajjin turan sun harka koo qabanii Damaasqootti na geessan.

12 “Yeroo sanatti namichi Anaaniyaas jedhamu tokko achi jiraata ture; inni nama Seericha akka gaariitti eeguu fi Yihudoota hunda biratti maqaa gaarii qabu ture; 13 inni gara koo dhufee ana bira dhaabbatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe. Anis yeruma sana isa arguu nan dandaʼe.+ 14 Innis akkana jedhe: ‘Waaqni abbootii keenyaa fedhii isaa akka beektu, isa qajeelaa sana akka argituu+ fi sagalee isaa akka dhageessu si filateera; 15 kana kan godhes, wanta argitee fi wanta dhageesse ilaalchisee namoota hundumaa duratti akka ragaa isaaf baatuufi.+ 16 Egaa amma maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami; maqaa isaa waamiitii+ cubbuu kee irraa dhiqami.’+

17 “Haa taʼu malee, gara Yerusaalemitti deebiʼee+ utuun mana qulqullummaa keessatti kadhachaa jiruu akka muguun taʼe; 18 achiis yommuu inni akkana naan jedhun isa arge: ‘Isaan wanta ati waaʼee koo ragaa baatu waan hin fudhanneef, dafi, kaʼiitii ariitiidhaan Yerusaalem keessaa baʼi.’+ 19 Anis akkanan jedhe: ‘Yaa Gooftaa, ani mana sagadaa isa tokkoo gara isa kan biraa deemee namoota sitti amanan mana hidhaatti galchaa fi garafaa akkan ture isaanumti iyyuu akka gaariitti beeku;+ 20 akkasumas, yeroo dhiigni dhugaa baatuu kee Isxifaanos dhangalaafametti, anis ajjeefamuu isaa irratti walii galuudhaan achi dhaabbadhee uffata warra isa ajjeesan sanaa eegeera.’+ 21 Inni garuu, ‘Saboota fagoo jiranitti waanan si erguuf kaʼiitii deemi’ naan jedhe.”+

22 Isaan hamma inni kana dubbatutti isa dhaggeeffachaa turan. Achiis sagalee isaanii ol kaasanii, “Namicha kana lafa irraa balleessi, inni jiraachuu hin qabu!” jedhan. 23 Isaan iyyaa fi uffata isaanii daddarbachaa, akkasumas awwaara qilleensatti bittinneessaa waan turaniif,+ 24 ajajaan kumaa sun Phaawulos gara mooraa loltootaatti akka geeffamu ajaje; isaan Phaawulositti akkanatti kan iyyan maaliif akka taʼe sirriitti beekuu akka dandaʼuuf garafamee akka qoramu ajaja kenne. 25 Haa taʼu malee, yommuu garafuuf isa hidhan, Phaawulos ajajaa dhibbaa achi dhaabbatuun, “Lammii Roomaa tokko utuu itti hin murteeffamin garafuuf seerri isiniif ni heyyamaa?” jedhe.+ 26 Ajajaan dhibbaa sun kana yommuu dhagaʼu, ajajaa kumaa bira dhaqee, “Maal gochuuf yaadde? Namichi kun lammii Roomaatiim” isaan jedhe. 27 Kanaafuu, ajajaan kumaa sun gara Phaawulos dhaqee, “Mee natti himi, dhuguma ati lammii Roomaa tii?” jedhe. Innis, “Eeyyee” jedhe. 28 Ajajaan kumaa sunis, “Ani mirga lammummaa kana maallaqa hedduudhaanan bitadhe” jedhe. Phaawulos immoo, “Ani garuu dhalootaanan argadhe” isaan jedhe.+

29 Kanaafuu, namoonni garafanii isa qoruuf turan sun yeruma sana isa irraa siqan; ajajaan kumaa sunis funcaadhaan isa hiisisee waan tureef, Phaawulos nama Roomaa taʼuu isaa yommuu beeku ni sodaate.+

30 Guyyaa itti aanutti, Yihudoonni maaliif akka isa himatan sirriitti beekuu waan barbaadeef, isa hiikee dura buutonni lubootaa fi guutummaan yaaʼii Saanhedriin akka walgaʼan ajaje. Achiis Phaawulosiin gara gadiitti geessee isaan gidduu dhaabe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi