Hoseʼaa
3 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Akkuma Yihowaan utuma isaan waaqolii kan birootti garagalanii+ fi bixxillee zabiibii* jaallatanii jiranii saba Israaʼel jaallatetti,+ dhaqiitii ammas dubartii dhiirri kan biraan jaallatee fi ejja raawwattu sana jaalladhu.”+
2 Kanaafuu, meetii sheeqilii 15 fi garbuu safartuu homeerii* tokkoo fi walakkaadhaan ishii nan bitadhe. 3 Achiis, “Guyyoota hedduudhaaf kan koo taatee jiraatta. Sagaagalummaa* hin raawwatin; nama kan biraa wajjin saalqunnamtii hin raawwatin; anis sii wajjin hin raawwadhu” ishiidhaan nan jedhe.
4 Sababiin isaas, sabni Israaʼel yeroo dheeraadhaaf* mootii malee,+ bulchaa malee, aarsaa malee, utubaa waaqeffannaa malee, akkasumas efuudii+ fi siidaawwan taraafiimii*+ malee ni jiraatu. 5 Sana booda sabni Israaʼel deebiʼanii dhufanii Waaqa isaanii Yihowaa fi Daawit mootii isaanii+ ni barbaaddatu;+ isaan bara dhumaatti gaarummaa isaa argachuuf hollachaa gara Yihowaa ni dhufu.+