LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 30:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isaan Waaqa isaanii Yihowaa fi mootii isaanii Daawit isan isaaniif kaasu ni tajaajilu.”+

  • Hisqiʼel 34:23, 24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Ani tiksee tokko, jechuunis tajaajilaa koo Daawitiin+ isaaniif nan kaasa;+ innis isaan ni soora. Innumti isaan ni soora, tiksee isaaniis ni taʼa.+ 24 Ani Yihowaan Waaqa isaanii nan taʼa;+ tajaajilaan koo Daawitis isaan gidduutti geggeessaa ni taʼa.+ Ani Yihowaan kana dubbadheera.

  • Hisqiʼel 37:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “‘“Tajaajilaan koo Daawit mootii isaanii ni taʼa;+ hundi isaaniis tiksee tokko ni qabaatu.+ Akka heera kootti ni deddeebiʼu; dambiiwwan koos of eeggannoodhaan ni raawwatu.+ 25 Isaan biyya ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kennee fi abbootiin keessan keessa jiraachaa turan keessa ni jiraatu;+ isaanis taʼan ijoolleen* isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii bara baraaf ishii keessa ni jiraatu;+ tajaajilaan koo Daawitis bara baraaf geggeessaa* isaanii ni taʼa.+

  • Amoos 9:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 ‘Guyyaa sanatti ani daasii* Daawit isa jige ol nan kaasa,+

      Baqaqaa isaa* nan supha,

      Diiggaa isaas nan haaressa;

      Akkuma isa bara duriitti deebisee nan ijaara,+

  • Luqaas 1:31-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa;+ maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta.+ 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi