Isaayyaas
18 Biyya baalleen ilbiisaa keessaa huursu
Ishii naannoo lageen Itoophiyaa keessatti argamtuuf wayyoo!+
2 Ishiin akkana jettee ergamtoota ishii galaana irra
Bidiruuwwan dhallaadduutiin bishaanota gamatti ergiti:
“Isin ergamtoonni saffisa qabdan
Gara saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabuutti,*
Gara namoota bakka hundatti sodaatamaniitti,+
Gara saba cimaa fi warra kaan moʼuutti,*
Gara isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatameetti qajeelaa.”
3 Isin jiraattonni biyyattii fi warri lafa irra jiraattan hundi,
Wanti argitan akkuma mallattoo* gaarota irra dhaabamee ni taʼa,
Sagalee akka sagalee malakata afuufamuu taʼe tokkos ni dhageessu.
4 Sababiin isaas, Yihowaan akkana naan jedheera:
“Ani akkuma hoʼa waxalu isa ifa aduu wajjin dhufuutti,
Akkuma fixeensa yeroo hoʼa makaraatti buʼuuttis
Tasgabbiidhaan taaʼee iddoo koo isa jabaatee hundeeffame* nan ilaala.
5 Sababiin isaas, yeroo makaraa dura,
Yeroo daraaraan harcaʼutti, yeroo firiin wayinii bilchaatuttis,
Latiiwwan isaa haamtuudhaan ni muramu,
Hiddawwan mukicha irra yaaʼanis irraa ni ciramu, ni balleeffamus.
6 Hundi isaanii allaattiiwwan adamsanii nyaatanii fi gaarota irra jiraniif,
Bineensota lafaatiifis ni dhiifamu.
Allaattiiwwan adamoo isaan irratti ganna ni dabarsu,
Bineensonni lafaa hundis isaan irratti yeroo makaraa ni dabarsu.
7 Yeroo sanatti saba namoota dhedheeroo fi gogaan isaanii lallaafu qabu* irraa,
Namoota bakka hundatti sodaataman irraa,
Saba cimaa fi warra kaan moʼu*
Isa biyyi isaa lageeniin dhiqamee fudhatame irraa,
Gara iddoo maqaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa itti waamamutti, jechuunis gara Gaara Xiyoonitti,+
Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaan ni fidama.”