LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 28
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Maaltaatti doonii irraa buʼuu (1-6)

      • Abbaan Phubliyoos ni fayye (7-10)

      • Gara Roomaa dhaquu (11-16)

      • Phaawulos Yihudoota Roomaa jiranitti dubbate (17-29)

      • Phaawulos waggaa lamaaf ija jabinaan lallabe (30, 31)

Hojii Ergamootaa 28:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 27:26

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 239-240

Hojii Ergamootaa 28:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Namoonni afaan ormaa dubbatan sunis.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 239-240

Hojii Ergamootaa 28:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 240

Hojii Ergamootaa 28:4

Miiljaleewwan

  • *

    Jechi Afaan Giriikii Daayik jedhu waaqayyittii haqaaf jecha haaloo baatu ykn haqa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 240

Hojii Ergamootaa 28:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 240

Hojii Ergamootaa 28:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 240

Hojii Ergamootaa 28:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:38, 39

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 240

Hojii Ergamootaa 28:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:8

Hojii Ergamootaa 28:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 241

Hojii Ergamootaa 28:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 241

Hojii Ergamootaa 28:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 241

Hojii Ergamootaa 28:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 241-242

Hojii Ergamootaa 28:15

Miiljaleewwan

  • *

    Iddoowwan itti nyaatanii fi boqotan.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 1:3, 4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 242-243

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2020, ful. 16-17

Hojii Ergamootaa 28:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 243

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 14

Hojii Ergamootaa 28:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:11, 12; 25:8
  • +HoE 21:33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 243-244

Hojii Ergamootaa 28:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:10
  • +HoE 23:26, 29; 25:24, 25; 26:31, 32

Hojii Ergamootaa 28:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 25:11, 12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 244

Hojii Ergamootaa 28:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 23:6; 26:6; Efe 6:19, 20; 2Xi 1:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 245

Hojii Ergamootaa 28:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 244

Hojii Ergamootaa 28:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 24:14
  • +Luq 2:34; Yoh 15:19

Hojii Ergamootaa 28:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:2, 3
  • +Yoh 5:46
  • +HoE 26:22, 23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 245

    Masaraa Eegumsaa,

    1/15/2012, ful. 13

Hojii Ergamootaa 28:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 245-246

Hojii Ergamootaa 28:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 11:8

Hojii Ergamootaa 28:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:9, 10; Mat 13:14, 15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 245-246

Hojii Ergamootaa 28:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 3:4, 6; HoE 13:45, 46; 22:21; Rom 11:11
  • +Fr 67:2; 98:3; Isa 11:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 246

Hojii Ergamootaa 28:29

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Hojii Ergamootaa 28:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 28:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 246-248

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 14-15

Hojii Ergamootaa 28:31

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ija jabina.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 6:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 246-248

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 14-15

Yaada Wal Simu

HoE. 28:1HoE 27:26
HoE. 28:8Luq 4:38, 39
HoE. 28:9Mat 10:8
HoE. 28:152Qo 1:3, 4
HoE. 28:17HoE 24:11, 12; 25:8
HoE. 28:17HoE 21:33
HoE. 28:18HoE 24:10
HoE. 28:18HoE 23:26, 29; 25:24, 25; 26:31, 32
HoE. 28:19HoE 25:11, 12
HoE. 28:20HoE 23:6; 26:6; Efe 6:19, 20; 2Xi 1:16
HoE. 28:22HoE 24:14
HoE. 28:22Luq 2:34; Yoh 15:19
HoE. 28:23HoE 17:2, 3
HoE. 28:23Yoh 5:46
HoE. 28:23HoE 26:22, 23
HoE. 28:26Rom 11:8
HoE. 28:27Isa 6:9, 10; Mat 13:14, 15
HoE. 28:28Luq 3:4, 6; HoE 13:45, 46; 22:21; Rom 11:11
HoE. 28:28Fr 67:2; 98:3; Isa 11:10
HoE. 28:30HoE 28:16
HoE. 28:31Efe 6:19
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 28:1-31

Hojii Ergamootaa

28 Nagaadhaan lafatti erga baanee booda, odolli sun Maaltaa akka jedhamtu hubanne.+ 2 Namoonni odola sanaas* gaarummaa addaa nutti argisiisan. Bokkaan roobaa waan turee fi qorra waan taʼeef, ibidda qabsiisanii hunda keenya gaarummaadhaan simatan. 3 Haa taʼu malee, Phaawulos hanxaxii walitti qabee yommuu ibiddatti naqu, hoʼa sanaan kan kaʼe buutiin tokko achi keessaa baatee harka isaatti maxxante. 4 Namoonni odola sanaa buutiin sun harka isaatti rarraatee yommuu argan, “Namichi kun nama nama ajjeese taʼuu qaba; balaa galaanaa irraa yoo oole iyyuu, Haqni* akka inni jiraatu isaaf hin heyyamne” waliin jechuu jalqaban. 5 Phaawulos garuu buutii sana ibiddatti gad hurgufe; miidhaan tokko illees isa irra hin geenye. 6 Haa taʼu malee, isaan qaamni isaa ni dhiitaʼa yookiin akka tasaa kufee duʼa jedhanii eegaa turan. Taʼus, yeroo dheeraadhaaf eeganii miidhaan tokko illee akka isa irra hin geenye yommuu argan, yaada isaanii jijjiiranii inni waaqa akka taʼe dubbachuu jalqaban.

7 Bulchaan odola sanaa Phubliyoos jedhamu naannoo sanaa lafa qaba ture; inni nu simatee guyyaa sadiif nu keessummeesse. 8 Yeroo kanatti abbaan Phubliyoos dhukkuba dhaqna gubaa fi garaa kaasaatiin qabamee ciisa ture; Phaawulosis gara isaatti seenee isaaf kadhate; harka isaa isa irra kaaʼees isa fayyise.+ 9 Kun erga taʼee booda, jiraattonni odolichaa warri dhukkubsatan kaanis gara isaa dhufanii fayyuu jalqaban.+ 10 Kana malees, isaan kennaa hedduu nuu kennanii akka nu kabajan argisiisan; yommuu dooniidhaan deemuuf kaanus wanta nu barbaachisu hunda nuu feʼan.

11 Jiʼa sadii booda doonii asxaa “Ilmaan Zuus” jedhu qabu tokkoon deemuu jalqabne. Dooniin sun Iskindiriyaadhaa kan dhufe yeroo taʼu, ganna kan dabarse odola sana irratti ture. 12 Buufata doonii Seraakus geenyee guyyaa sadiif achuma turre; 13 achii kaanee deemuudhaan Reegiyum geenye. Guyyaa tokko booda bubbeen kibbaa waan kaʼeef, guyyaa lammaffaatti Photiyolii geenye. 14 Achitti obboloota kan arganne yeroo taʼu, guyyaa torbaaf isaanii wajjin akka turru nu kadhatan; achiis gara Roomaatti qajeelle. 15 Obboloonni achi jiran yommuu waaʼee keenya dhagaʼan, nu simachuuf hanga Bakka Gabaa Aphiyosii fi bakka Manneen Sadii* jedhamuutti dhufan. Phaawulos yommuu isaan argu Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate.+ 16 Dhuma irratti yommuu Roomaa geenyu, Phaawulos loltuun tokko isa eegaa kophaa isaa akka jiraatu isaaf heyyamame.

17 Guyyaa sadii booda garuu Yihudoota beekamoo taʼan walitti waamsise. Yommuu walitti qabamanis akkana isaaniin jedhe: “Yaa obbolootaa, ani wanta uummata kana yookiin aadaa abbootii keenyaa wajjin wal faallessu tokko illee kan hin hojjenne taʼus,+ Yerusaalemitti hidhameen harka warra Roomaatti dabarfamee kenname.+ 18 Isaanis erga na qoranii booda,+ sababii itti na ajjeesan waan dhabaniif na gadhiisuu barbaadanii turan.+ 19 Taʼus, Yihudoonni kana waan mormaniif, gara Qeesaaritti ol iyyachuufan dirqame;+ akkana kanan godhe garuu himatan saba koo irratti dhiheessu tokko illee waanan qabuuf miti. 20 Isin arguu fi isinitti dubbachuuf kanan gaafadhe kanaafi; sababiin isaas, funcaa kanaan kanan hidhame, abdii Israaʼeliif kennameen kan kaʼe dha.”+ 21 Isaanis akkana isaan jedhan: “Xalayaan waaʼee kee ibsu Yihudaadhaa nuuf hin ergamne; obboloota achii dhufan keessaas tokko illee waaʼee kee nutti hin himne yookiin wanta hamaa taʼe hin dubbanne. 22 Taʼus, waaʼee garee amantii kanaa+ bakka hundatti wanti gaarii hin taane akka odeeffamu waan beeknuuf,+ yaada kee suma irraa dhagaʼuun sirrii akka taʼe nutti dhagaʼama.”

23 Waaʼee kanaa mariʼachuuf beellama qabatanii baayʼatanii gara iddoo jireenyaa isaa dhufan. Innis ganamaa jalqabee hanga galgalaatti, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa isaaniif baʼuudhaan dhimmicha isaaniif ibse; akkasumas, waaʼee Yesuus+ isaan amansiisuuf Seera Musee+ fi kitaaba Raajotaa+ irraa ragaa dhiheesse. 24 Isaan keessaa tokko tokko wanta inni dubbate kan amanan yeroo taʼu, kaan garuu hin amanne. 25 Kanaafuu, isaan gidduutti garaa garummaan waan uumameef, achii deemuu jalqaban; yeroo kanatti Phaawulos akkana isaaniin jedhe:

“Wanti hafuurri qulqulluun karaa Isaayyaas raajichaa abbootii keessanitti dubbate sirrii dha; 26 akkana jedhe: ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi: “Isin dhagaʼuu ni dhageessu, garuu matumaa ergaa isaa hin hubattan; ilaaluu ni ilaaltu, garuu matumaa hin argitan.+ 27 Ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagaʼanii, ergaa isaa hubatanii akka hin deebinee fi anis akkan isaan hin fayyisneef, garaan saba kanaa didaa taʼeera; gurri isaanii ni dhagaʼa, garuu deebii hin kennan; ija isaaniis dunuunfataniiru.”’+ 28 Kanaafuu, fayyinni Waaqayyo biraa dhufe kun saboota kaaniif ergamuu isaa beekaa;+ isaan dhuguma isa ni dhagaʼu.”+ 29* ——

30 Phaawulos waggaa lama guutuu mana kireeffate keessa jiraate;+ namoota gara isaa dhufan hundas gaarummaadhaan simata ture; 31 akkasumas gufuu tokko malee, bilisummaa* guddaadhaan+ waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaaniif lallabaa fi waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoos isaan barsiisaa ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi