LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Waaqolii tolfamoo Miikiyaasii fi luba isaa (1-13)

Abbootii Murtii 17:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 17:14, 15

Abbootii Murtii 17:2

Miiljaleewwan

  • *

    Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Abbootii Murtii 17:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:4; Lew 26:1; Kes 27:15

Abbootii Murtii 17:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”

Abbootii Murtii 17:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”

  • *

    Kal., “harka isaa guute.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 28:6; Abo 8:27
  • +Uma 31:19
  • +Lak 3:10; Kes 12:11, 13; 2Se 13:8, 9

Abbootii Murtii 17:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 8:4, 5
  • +Abo 21:25

Abbootii Murtii 17:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 5:2
  • +Lak 3:45; Iya 14:3; 18:7

Abbootii Murtii 17:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 17:1, 5

Abbootii Murtii 17:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gorsaa.”

  • *

    Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Abbootii Murtii 17:12

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “harka isaa guute.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 3:10; Abo 17:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 1/2022, ful. 2

Yaada Wal Simu

Abo. 17:1Iya 17:14, 15
Abo. 17:3Bau 20:4; Lew 26:1; Kes 27:15
Abo. 17:5Bau 28:6; Abo 8:27
Abo. 17:5Uma 31:19
Abo. 17:5Lak 3:10; Kes 12:11, 13; 2Se 13:8, 9
Abo. 17:61Sa 8:4, 5
Abo. 17:6Abo 21:25
Abo. 17:7Mik 5:2
Abo. 17:7Lak 3:45; Iya 14:3; 18:7
Abo. 17:8Abo 17:1, 5
Abo. 17:12Lak 3:10; Abo 17:5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 17:1-13

Abbootii Murtii

17 Namichi naannoo gaarotaa Efreem+ keessa jiraatuu fi Miikiyaas jedhamu tokko jira ture. 2 Innis haadha isaatiin, “Ati nama meetii sheeqilii* 1,100 si jalaa fudhate yommuu abaartu ani dhagaʼeera; kunoo, meetichi na bira jira. Anatu fudhate” jedhe. Yeroo kanatti haati isaa, “Yihowaan ilma koo haa eebbisu” jette. 3 Kanaafuu, inni meetii sheeqilii 1,100 sana haadha isaatiif ni deebise; haati isaa garuu, “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa* akka ittiin tolchuuf,+ ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna” jette.

4 Erga inni meeticha haadha isaatiif deebisee booda, haati isaa meetii sheeqilii 200 fuutee nama meetii baqsutti kennite. Innis fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa* tokko ni tolche; isaanis mana Miikiyaas keessa ni kaaʼaman. 5 Namichi Miikiyaas jedhamu kun mana waaqolii tokko qaba ture; inni efuudii+ fi siidaawwan taraafiim*+ tolfatee luba akka isaaf taʼuufis ilmaan isaa keessaa isa tokko ni muude.*+ 6 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.+

7 Yeroo kanatti dargaggeessi Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatuu fi maatii Yihudaa keessaa taʼe tokko jira ture. Inni sanyii Leewwii+ yeroo taʼu, yeroo muraasaaf achi jiraachaa ture. 8 Namichi kun iddoo jiraatu barbaaddachuuf magaalaa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa baʼee deeme. Utuu karaa deemuus gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ ni dhufe. 9 Achiis Miikiyaas, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani Leewwicha Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa dhufe dha; iddoon jiraadhu barbaaddachaan jira” jedhee isaaf deebise. 10 Kanaafuu Miikiyaas, “Anaa wajjin jiraadhuutii abbaa* fi luba naaf taʼi. Ani waggaatti meetii sheeqilii* kudhan siifan kenna; uffata guutuu fi nyaatas siifan kenna” isaan jedhe. Kanaafuu, Leewwichi ol ni seene. 11 Akka kanaan Leewwichi namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi kunis ilmaan isaa keessaa akka isa tokkoo ni taʼe. 12 Kana malees Miikiyaas, luba taʼee akka isaaf tajaajiluuf Leewwicha ni muude;*+ innis mana Miikiyaas keessa ni jiraate. 13 Yeroo kanatti Miikiyaas, “Leewwichi luba koo waan taʼeef, amma Yihowaan wanta gaarii akka naaf godhu nan beeke” jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi