-
Keessa Deebii 12:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Isinis wanta ani isin ajaju hundumaa, jechuunis aarsaawwan keessan warra gubaman, aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,+ buusii harka keessan irraa kennitanii fi kennaa wareegaa Yihowaadhaaf wareegdan hundumaa gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaan isaa achi akka jiraatuuf filatutti ni fiddu.+
-
-
Keessa Deebii 12:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Aarsaawwan kee warra gubaman bakkuma argite hundatti akka hin dhiheessine of eeggadhu.+
-
-
2 Seenaa Baraa 13:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Ammas isin namoota hedduu waan taatanii fi jabbilee warqii waaqolii akka isiniif taʼaniif Yeroboʼaam isiniif hojjete waan qabdaniif,+ mootummaa Yihowaa isa harka ilmaan Daawit irra jiru of irraa ittisuu akka dandeessan isinitti dhagaʼama. 9 Isin luboota Yihowaa warra sanyii Aaron taʼanii fi Leewwota ariitanii+ akkuma namoota biyyoota kaaniitti luboota ofii keessanii hin muudnee?+ Namni jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba fidee dhufe* kam iyyuu wantoota waaqolii hin taaneef luba taʼuu ni dandaʼa.
-