Lallaba
6 Wanta baayʼee nama gaddisiisu* kan biraas aduu jalatti nan arge, innis namoota gidduutti wanta barame dha: 2 Namni wanta hawwe tokko illee akka hin dhabneef* Waaqni dhugaan badhaadhina, qabeenyaa fi ulfina isaaf ni kenna; haa taʼu malee, Waaqni dhugaan namichi akka isaanitti fayyadamu hin godhu; ormi garuu isaanitti ni fayyadama. Kun wanta gatii hin qabnee fi baayʼee nama gaddisiisu dha. 3 Namni tokko ijoollee dhibba yoo qabaatee fi waggoota hedduu jiraatee yoo dulloome, garuu immoo duʼuu isaa* dura wantoota gaggaarii qabutti hin gammadu taanaan, isa mannaa mucaa duʼee dhalate wayya nan jedha.+ 4 Sababiin isaas, inni gadameessa keessaa kan baʼe akkanumaani, dukkana keessas deemeera; maqaan isaas dukkanaan haguugameera. 5 Inni matumaa aduu kan hin arginee fi homaa kan hin beekne taʼus, isa duraa irra wayya.*+ 6 Utuu gammachuu hin argatin siʼa lama waggaa kuma jiraachuun faayidaa maalii qaba? Hundi isaanii bakkuma tokko dhaqu+ mitii?
7 Namni jabaatee kan hojjetu afaan isaa guuttachuuf+ qofa dha; taʼus fedhiin* isaa matumaa hin guutu. 8 Namni ogeessi nama gowwaa caalaa faayidaa maalii argata?+ Yookiin hiyyeessi akkamitti akka jiraatu beekuun isaa* faayidaa maalii isaaf argamsiisa? 9 Hawwii ofii duukaa buʼanii jooruu mannaa,* wanta ijji argutti gammaduu wayya. Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.
10 Wanti amma jiru, wantuma kanaan dura maqaan isaaf kenname dha; namni maal akka taʼes ni beekama; inni kan isa caalaa humna qabuu wajjin falmuu hin dandaʼu. 11 Dubbiin yommuu baayʼatu, wanti gatii hin qabnes ni baayʼata; kun namaaf faayidaa maalii argamsiisa? 12 Bara jireenyaa isaa isa gabaabaa fi gatii hin qabne, isa akkuma gaaddidduutti darbutti wanta gaarii namni tokko gochuu qabu eenyutu beeka?+ Namni tokko erga duʼee booda wanta aduu jalatti raawwatame isatti himuu kan dandaʼu eenyu?