Leewwota
12 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Dubartiin takka ulfooftee dhiira yoo deesse, akkuma xuraaʼummaa yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+ 3 Mucichis guyyaa saddeettaffaatti dhaqna haa qabamu.+ 4 Ishiin guyyoota 33 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. Hamma guyyoota itti qulqullooftu sana xumurtuttis wanta qulqulluu akkamii iyyuu akka hin tuqne; gara iddoo qulqulluuttis akka hin seenne.
5 “‘Durba yoo deesse immoo, akkuma yeroo laguu irra jirtuutti guyyaa 14f kan xuroofte taati. Guyyoota 66 sana booda jiraniif dhiiga sana irraa of qulqulleessuu ishii itti haa fuftu. 6 Ishiin ilma yookiin intala deessee yeroon itti qulqullooftu yommuu xumuramutti, aarsaa gubamuuf+ akka taʼutti xobbaallaa hoolaa gara waggaa tokkoo taʼe tokko, aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo gugee bosonaa yookiin cuucii gugee tokko gara balbala dunkaana walgaʼiitti gara lubichatti fiddi. 7 Innis Yihowaa duratti isa dhiheessee araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis dhiiga ishii isa dhangalaʼu irraa ni qulqulloofti. Seerri dubartii ilma yookiin intala deesse ilaalchisee kenname kana dha. 8 Ishiin hoolaa dhiheessuu hin dandeessu yoo taʼe garuu, gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama,+ isa tokko aarsaa gubamuuf isa tokko immoo aarsaa cubbuutiif haa fiddu; lubichis araara ishiidhaaf ni argamsiisa; ishiinis qulqulluu taati.’”