-
Uumama 17:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Guutummaa dhaloota keessanii keessatti, dhiirri guyyaa saddeet guutee fi isin gidduutti argamu kam iyyuu, dhiirri mana keessatti dhalate kam iyyuu, dhiirri sanyii kee hin taanee fi nama biyya ormaa irraa maallaqaan bitame kam iyyuu dhaqna qabamuu qaba.+
-
-
Uumama 21:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Abrahaam akkuma Waaqayyo isa ajajee turetti, yommuu ilmi isaa Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeet taʼutti dhaqna isa qabe.+
-
-
Luqaas 2:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Guyyaa saddeettaffaatti yeroon itti dhaqna isa qaban yommuu gaʼu,+ akkuma maleekaan Waaqayyoo haati isaa ulfaaʼuu ishii dura dubbatee turetti maqaa isaa Yesuus jedhanii moggaasan.+
22 Kana malees, akka Seera Museetti yeroon isaan itti qulqullaaʼan yommuu gaʼu,+ mucicha Yihowaa* duratti dhiheessuuf gara Yerusaalemitti fidan;
-