LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • sgd ful. 34-35
  • 5 Dhaamsa Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 5 Dhaamsa Macaafa Qulqulluu
  • Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Dh.K.D. 4026 booda
  • Dh.K.D. 1943
  • Dh.K.D. 1070 booda
  • Dh.K.B. 29
  • Dh.K.B. 33
  • Dh.K.B. n. 1914
  • Gara fuulduraatti
Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru
sgd ful. 34-35

5

Dhaamsa Macaafa Qulqulluu

Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaan bulchuudhaaf mirga qaba. Akkaataan inni itti bulchus mudaa hin qabu. Kaayyoon inni lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama.

Addaamii fi Hewwaan Dhaaba Eeden keessatti bofa wajjin yeroo jiran

Dh.K.D. 4026 booda

“Bofichi” mirga Yihowaan bulchuuf qabuufi akkaataa inni itti bulchurratti gaaffii kaase. Yihowaan “sanyii” yeroo booda boficha, jechuunis Seexana balleessu akka kaasu waadaa gale. (Uumama 3:1-5, 15) Haataʼu malee, Yihowaan namoonni dhiibbaa bofichaa jala taʼuudhaan yeroodhaaf akka of bulchan heyyame.

Abrahaam abdii Waaqayyoo dhaga‵e 3, Daawit Mooticha

Dh.K.D. 1943

Yihowaan ‘sanyiin’ inni abdachiifame karaasaa akka dhufu Abrahaamitti hime.—Uumama 22:18.

Yesus yeroo cuuphamu

Dh.K.D. 1070 booda

Yihowaan ‘sanyiin’ inni abdachiifame karaa hidda dhalootaasaanii akka dhufu Daawit Mootichaaf, boodammoo ilmasaa Solomoon Mootichaaf mirkaneesse.—2 Saamuʼel 7:12, 16; 1 Mootota 9:3-5; Isaayaas 9:6, 7.

Yesus yeroo cuuphamu

Dh.K.B. 29

Yihowaan, Yesus “sanyii” abdachiifame akka taʼeefi teessoo Daawit kan dhaalu isa taʼuusaa beeksise.—Galaatiyaa 3:16, NW; Luqaas 1:31-33; 3:21, 22.

Yesus yeroo du‵u 6, Bofichi jechuunis Seexanni Mul‵ata irratti akka abdachiifametti gara lafaatti gad darbatama

Dh.K.B. 33

Bofichi Yesus akka ajjeefamu gochuudhaan, yeroo gabaabduudhaaf ‘sanyicha’ naaffiseera. Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasee samiirra akka jiraatu kan godhe siʼa taʼu, gatii jireenya Yesus isa mudaa hin qabnee fudhateera. Kunis, sanyiin Addaam cubbuusaaniirraa dhiifama akka argataniifi jireenya barabaraa akka dhaalaniif buʼuura taʼeera.—Uumama 3:15; Hojii Ergamootaa 2:32-36; 1 Qorontos 15: 21, 22.

Bofichi jechuunis Seexanni Mul‵ata irratti akka abdachiifametti gara lafaatti gad darbatama

Dh.K.B. n. 1914

Yesus boficha, jechuunis Seexana gara lafaatti darbachuudhaan sochiinsaa akka daangeffamu godheera.—Mulʼata 12:7-9, 12.

Yesus Mul‵ata irratti akkuma abdachiifame samiirra taa‵ee lafa bulcha

Gara fuulduraatti

Yesus Seexana waggaa 1,000f erga hidhee booda kan isa balleessu siʼa taʼu, kun immoo mataansaa akka buruqsame argisiisa. Achiis, kaayyoon inni jalqabaa Yihowaan lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu ni raawwatama, maqaansaa arrabsoorraa ni qulleeffama, akkasumas karaan inni itti bulchu sirrii taʼuunsaa ni mirkanaaʼa.—Mulʼata 20:1-3, 10; 21:3, 4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi