Addunyaa Mararraa
Yunaayitid Isteetis
Torban Onkoloolessa 29, 2012 jalqabu keessatti, ajjeechaan, namoota doorsisuuniifi hanni Niiwu Yoorki Siitii keessatti raawwatame, isa bara 2011tti yeruma walfakkaatutti guyyoota shaniif raawwatamee turee wajjin yommuu walbira qabamu baayʼee hirʼatee ture. Sababiinsaa maalidha? Bubbeen hamaan Saandii jedhamu, Qarqara Baha Galaanaa Yunaayitid Isteetis rukute ibsaan akka dhaamu gochuusaati. Bakka buʼaa Dippaartimantii Poolisii Niiwu Yoorki kan taʼe Pool Biraawun, “Balaan uamaa ykn badiisni guddaan [kan akka balaa shororkeessitoonni Fulbaana 11, 2001tti geessisanii] erga gaʼee booda, yakkawwan baramaa taʼan hirʼachaa dhufaniiru” jedheera. Haataʼu malee, mana cabsanii galuudhaan saamuun kan baayʼate yommuu taʼu, kunimmoo Biraawuniin hin ajaaʼibsiisne. “Iddoowwan hedduun dukkanaan liqimfamanii turan” jedheera.
Antaarkitiikaa
Haalli ikooloojii (xinnaannoo) Antaarkitiikaa uumamawwan biyya kan biraatii dhufaniin faalamaa kan jiru taʼuunsaa, qorattoota saayinsii yaaddessaa jira. Namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼamaniifi ardii kana daawwatan utuu hin beekin giddu galeessaan tokkoon tokkoonsaanii sanyiiwwan biqiltootaa 9.5 taʼan yeroo baayʼee kophee ykn shaanxaasaaniitti qabatanii dhufu. Akaakuuwwan biqiltoota iddoo garabiraatii dhufan Dhiha Galoo Galaana Antaarkitiikaatti argamaniiru.
Neezarlaandi
Maanguddoon umrii waggaa 83, yeroo jalqabaatiif lafeen mangaagaa albuuda titaaniyam jedhamurraa piriintarii 3-D jedhamuun hojjetame isaaniif dhaabame. Maanguddoon dhibee lafeetiin kan kaʼe mangaagaansaanii guutummaatti buqqaʼee ture kun, ammaa rakkoo tokko malee nyaachuu, hafuura baafachuufi dubbachuu dandaʼaniiru. Piriintariin kun albuuda titaaniyamii baqsee walitti qabsiisuudhaan lafee mangaagaasaanii deebisee tolcheef; achiis mala baqaqsanii walʼaanuutiin dhaabameef.
Jarman
Jarmanitti bakka namoonni itti baayʼatan tokko tokkotti tamboon akka hin xuuxamne hanga tokko dhorkamni erga godhamee booda, qorannaan garee namootaa tokkorratti godhame akka argisiisutti lakkoofsi namoota dhibee argansuutiin hospitaala galanii parsantii 13.3rraa gara 8.6tti xiqqaateera.