LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g 10/14 ful. 12-13
  • Dhukkuba Sukkaaraatiin Qabamuu Hirʼisuun Ni Dandaʼamaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhukkuba Sukkaaraatiin Qabamuu Hirʼisuun Ni Dandaʼamaa?
  • Dammaqaa!—2014
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhukkubni Sukkaaraa Maalidha?
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu dandeenyaa?
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dammaqaa!—2014
g 10/14 ful. 12-13
Hiriyoota gaaʼelaa manasaanii fuulduratti sochii qaamaa gochaa jiran

Dhukkuba Sukkaaraatiin​—Qabamuu Hirʼisuun Ni Dandaʼamaa?

DHIBEEN sukkaaraa addunyaa maratti babalʼateera. Dhukkubni kun gosa gurguddaa lamatti hirama. Inni tokkoffaan ijoollummaatti kan jalqabu yommuu taʼu, yeroo ammaa doktooronni akkaataa itti ittisuun dandaʼamu hin beekan. Matadureen kun gosa isa lammaffaa dhukkuba sukkaaraa gara parsantii 90 of keessatti qabatee jiruu kan ibsudha.

Kanaan dura gosti dhukkuba sukkaaraa inni lammaffaan namoota gurguddaa qofa qabachaa kan ture siʼa taʼu, yeroo dhihoodhaa asitti garuu ijoollee xixinnoos qabachaa jira. Haataʼu malee, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaatiin qabamuu hirʼisuun akka dandaʼamu ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu. Waaʼee dhukkuba hamaa taʼe kanaa hubannaa tokko tokko argachuunkee si fayyaduu dandaʼa.a

Dhukkubni Sukkaaraa Maalidha?

Sukkaarri dhiiga nama tokkoo keessa jiru yommuu baayʼatu dhukkuba sukkaaraa fida. Dhukkubni kun adeemsa sukkaarri dhiiga keessatti godhu jeequudhaan seelonni annisaa isaan barbaachisu akka hin arganne godha. Kunimmoo qaamonni keenya akka miidhamaniifi dhiigni akka gaariitti akka hin sochoone godha. Kunis yeroo tokko tokko qubni ykn miilli akka kutamu, iji akka jaamuufi dhukkubni kalee akka uumamu godha. Namoota dhukkuba sukkaaraatiin qabaman keessaa hedduunsaanii dhukkuba onneetiin qabamanii ykn dhiigni sammuusaanii keessatti dhangalaʼee duʼu.

Sababii guddaan dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa, coomni qaama keessatti garmalee baayʼachuusaati. Coomni garaa keessattiifi naannoo mudhiitti kuufamu dhukkuba sukkaaraatiif kan saaxilu taʼuusaa ogeessonni fayyaa ni amanu. Keessumaammoo coomni rajiijiifi tiruu keessatti kuufamu marsaan sukkaara dhiiga keessatti argamuu akka jeeqamu kan godhudha. Maarree carraa dhukkuba kanaan qabamuu hirʼisuuf maal gochuu dandeessa?

Tarkaanfiiwwan Sadan Carraa Dhukkuba Sukkaaraatiin Qabamuu Hirʼisuuf Gargaaran

1. Sadarkaa dhukkuba kanaaf si saaxiluu dandaʼurratti argamta taanaan sukkaara dhiigakee keessa jiru qorachiisi. Dhukkubni sukkaaraa gosti lammaffaan nu qabuusaa dura baayʼinni sukkaaraa dhiiga keenya keessa jiru garmalee dabaluunsaa dhukkubni kun nu qabuuf akka jedhu kan argisiisudha. Namni tokko dhukkuba kanaan qabamuu baatus sukkaarri dhiigasaa keessatti baayʼachuunsaa fayyaasaa kan tuqudha. Haataʼu malee toʼachuurratti garaagarummaa qabu. Dhukkuba sukkaaraa toʼachuun kan dandaʼamu taʼus, guutummaatti fayyisuun hin dandaʼamu. Namoonni sukkaarri dhiigasaanii keessatti baayʼatus dhukkuba sukkaaraatiin hin qabamne tokko tokko, baayʼina sukkaara dhiigasaanii keessatti argamuu sirreessuu ni dandaʼu. Haataʼu malee, namni tokko sukkaarri garmalee dhiigasaa keessatti baayʼatus, mallattoon dhukkuba kanaan qabamuusaa argisiisu isarratti hin mulʼatu taʼa. Kanaaf haala akkasii utuu hin hubatin yeroo dheeraaf turuu dandaʼa. Gabaasni tokko akka ibsetti namoota addunyaa maratti argaman keessaa miliyoona 316 kan taʼan, sukkaarri baayʼeen dhiigasaanii keessatti kan argamu taʼus, hedduunsaanii kana hin beekan. Fakkeenyaaf, Yuunaayitid Isteetis keessatti qofa namoota sukkaarri baayʼeen dhiigasaanii keessatti argamu keessaa parsantii 90⁠ni baayʼachuusaa hin beekan.

Haataʼu malee sukkaarri dhiiga keenya keessatti baayʼachuunsaa balaa hin qabu jechuu miti. Dhiheenyatti, mataa bowwuun walirraa hin cinne mallattoo dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa akka taʼe hubatameera. Qaamnikee garmalee furdaa yoo taʼe ykn maatiikee keessaa dhukkuba kanaan kan qabame jira yoo taʼe ykn sochii qaamaa hin gootu yoo taʼe, sukkaarri dhiigakee keessa jiru garmalee baayʼateera taʼa. Dhiigakee qorachiisuudhaan baayʼachuufi dhiisuusaa beekuu ni dandeessa.

2. Nyaata gaarii taʼe nyaadhu. Dandeenyaan wantoota armaan gadii gochuun si fayyaduu dandaʼa: Hamma kanaan dura nyaatturra xinneessii nyaadhu. Cuunfaa kuduraalee sukkaara of keessaa qabaniifi dhugaatii annisaa kennan dhuguu mannaa bishaan, shaahii ykn buna dhugi. Nyaata warshaa keessatti oomishamee mannaa, daabboo qamadiifi garbuu utuu hin fattagamin tolfame, ruuziifi paastaa utuu hin baayʼisin nyaadhu. Akkasumas, foon diimaa, qurxummii, ocholooniifi baaqelaa nyaadhu.

1. Kuduraa gaarii taʼe; 2. Ulfaatinni nama tokkoo yommuu madaalamu

3. Sochii qaamaa godhi. Sochii qaamaa gochuun sukkaara dhiigakee keessa jiru hirʼisuufi ulfaatina qaama keetii toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa. Yeroo itti televijiinii ilaaluudhaan dabarsan sochii qaamaa gochuudhaan dabarsuun gaarii akka taʼe hayyuun tokko dubbateera.

Jiiniikee ykn wanta warra keerraa dhaalte jijjiiruu dandaʼuu baattus, akkaataa jireenyaakee jijjiiruu ni dandeessa. Fayyaa keenya eeguuf carraaqqii cimaa gochuun faayidaa guddaa qaba.

a Barruun Dammaqaa! nyaata ykn sochii qaamaa adda baasee deggeru hin qabu. Irratti yaadanii murtoo gochuun filannaa dhuunfaa yommuu taʼu, gama yaalii fayyaatiin murtoo gochuukee dura akka barbaachisummaasaatti ogeessa yaalii fayyaa mariisisi.

‘Tarkaanfii Fudhadheera!’ Gaafannoo

Dhukkuba sukkaaraatiin qabamuuf akka jettu beekuu kan dandeesse akkamitti?

Hojii argadhee haala fayyaakoo qorachiisuuf mana yaalaa yommuun deemetti, hatattamaan tarkaanfii hin fudhadhu taanaan dhukkuba sukkaaraatiin akkan qabamu doktoorri natti hime. Wantoota dhukkuba sukkaaraatiin qabamuuf na saaxilan afurtu turan: Qomoo dhukkubni sukkaaraa yeroo baayʼee isaan qabatu keessaa kanan dhaladhe yommuu taʼu, maatiikoo keessaa namoonni hedduun dhukkuba kanaan qabamaniiru, ulfaatinni qaamakoo guddaadha; sochii qaamaas hin godhu. Wantoota lamaan jalqabaa jijjiiruu dandaʼuu baadhus, warra hafan lamaan garuu jijjiiruufan murteesse.

Tarkaanfii akkamii fudhatte?

Ogeessa dhukkuba sukkaaraa ilaalchisee gorsa kennu tokko bira deemee kanan ture yommuu taʼu, innis hariiroo nyaata, sochii qaamaa, ulfaatina qaamaafi dhukkuba sukkaaraa gidduu jiru naaf ibse. Anis akkaataa jireenyaakoo jijjiiruufan murteesse. Nyaata nyaachuukoo dura kuduraa nyaachuun jalqabe. Kunimmoo dafee akkan hin beelofne waan godhuuf, nyaata fayyaadhaaf buʼaa hin qabne baayʼisee akkan hin nyaanne na gargaareera. Sochii qaamaa waggaa hedduudhaaf dhiisee tures akka gaariitti hojjechuun jalqabe.

Milkaaʼina akkamii argatte?

Waggaafi jiʼa jaʼa gidduutti ulfaatina qaamakoo keessaa harka kudhan hirʼisuu dandaʼeera. Amma fayyaa akkan qabu natti dhagaʼama. Akkaataa jireenyaa fayyaakoo miidhutti deebiʼuu hin barbaadu. Dhukkubni sukkaaraa dhukkuba akka laayyootti ilaalamuu qabu miti!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi