Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Caam. 1
“Gaaffiwwan tokko tokkoof deebii argachuun dandeetti namootaatiin oli. Fakkeenya kana qalbeeffadhu. [Iyoob 21:7 dubbisiif.] Gaaffii Waaqayyoon gaafachuu barbaaddu sitti uumamee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun namoonni lafarratti argaman hundi jireenyasaanii keessatti gaaffiwwan barbaachisaa ta’an sadiif deebii quubsaa ta’e akkamitti akka argachuu danda’an ibsa.”
Dammaqaa! Caam. 2003
“Yeroo har’aatti namoonni baay’een hirriba ga’aa akka hin qabne hubateettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhiphinni ykn yaaddoon kanaaf ga’ee mataasaanii qabu. [Lallaba 5:12 dubbisiif.] Barruun kun sababawwan hirriba dhabuufi haala hirribaa keenya fooyyessuuf maal gochuu akka qabnu yaada hojiirra ooluu danda’u kenna.
MASARAA EEGUMSAA Caam. 15
“Guyyaa guyyaadhaan waa’ee goolii ni dhageenya. Haalli akkasii kanaan duraa uumamee waan beeku sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanta Macaafni qulqulluun jedhu qalbeeffadhu. [Maatewos 24:37 dubbisiif.] Barri Nohi bara hammeenyaa waan tureef Waaqayyo Nohiif maatiisaa qofaa yeroo oolchu, namoota hundumaa balleesseera. Barruun kun wanti yeroo sana raawwatame bara keenyaaf hiika maalii akka qabu ibsa.”
May 22
“Ilbiisonni dhukkuba balaa guddaa geessisan daddabarsu. Ilbiisota kana ofirraa ittisuuf tarkaanfiin fudhannu akka jiru beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun tarkaanfii fudhannu, akkasumas gara fulduraatti yeroon itti dhukkubni hundinuu badu akka dhufu abdii Macaafni qulqulluun kenne ibsa.” Isaayaas 33:24 dubbisiif.