Barruulee Raabsuuf Maal Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Gur. 1
“Baay’een keenya fayyina qaama keenyaa ni eegna. Haata’u malee, qorannaan dhiheenya kana godhame jireenyi hafuuraa keenyas nageenya keenyarratti dhiibbaa akka fidu beeksiseera. Fayyina jireenya hafuuraa eeguunoo kan danda’amu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 5:3 dubbisiif.] Barruun Masaraa Eegumsaa kun fedhii hafuuraa keenya akkamitti akka guutamuu danda’u ibsa.”
Dammaqaa! Gur. 2004
“Waa’ee ilbiisota qoricha mo’anii wanta irra deddeebi’amee dubbatamu hubatteettaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, gaaffii olitti ka’eef sababii dhiheessa, akkasumas, isaanirraa of eeguuf maal gochuu akka dandeenyu yaada kenna. Akkasumas addunyaa dhukkubni keessa hin jirre ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennes ni ibsa.” Isaayaas 33:24 dubbisi.
MASARAA EEGUMSAA Gur. 15
“Namoonni baay’een, gochawwan gadhee maqaa amantiitiin raawwatamaniin ni jeeqamu. Namoonni tokko tokkos hundeen rakkina ilmaan namaa amantii akka ta’e itti dhaga’ama. Waa’ee kanaa yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Mul’ata 18:24 dubbisiif.] Barruun kun kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu ni ibsa.”
Feb. 22
“Namoonni baay’een waa’ee bineensotaa beekuun isaan gammachiisa; kaanimmoo isaaniin madaqsuutti gammachuu argatu. [Yaada maalii akka qabu gaafadhu.] Barruun kun beeladoota qabaachuun rakkoo maalii akka qabu ni ibsa. Akkasumas fulduratti walii waliisaaniifi namootaa wajjin nagaadhaan akka jiraatan abdii Waaqayyo kennes ni addeessa.” Isaayaas 11:6-9 dubbisi.