LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 3 ful. 4-5
  • Fayyaa Qaamaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fayyaa Qaamaa
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • OF KUNUUNSI
  • BARSIIFATA MIIDHAA QABURRAA FAGAADHU
  • QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO
  • 1 Fayyaa Kee Eeggadhu
    Dammaqaa!—2022
  • Hirriiba Gaʼaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yaalii Fayyaa Yommuu Gootan Ilaalcha Waaqayyoo Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 3 ful. 4-5
Namichi tokko salaaxaa nyaachaa jira

Fayyaa Qaamaa

Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa miti. Taʼus, gorsa fayyaa gaarii qabaachuuf nu gargaaru qabateera. Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu fayyaa kee siif fooyyessuu dandaʼan tokko tokko ilaali.

OF KUNUUNSI

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—Efesoon 5:29.

MAAL JECHUUDHA? Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu kun fayyaa keenya kunuunsuuf wanta dandeenyu akka goonu nu jajjabeessa. Qorannaan tokko akka argisiisetti, rakkina fayyaa hedduudhaaf sababa kan taʼu akkaataa jireenyaa filannudha. Kanaafuu, filannaa sirrii gochuun keenya fayyaan keenya akka fooyyaʼu godha.

WANTA GOCHUU DANDEESSU:

  • Nyaata Madaalamaa Sooradhu. Nyaata fayyaadhaaf gaarii taʼe sooradhu, akkasumas bishaan gaʼaa dhugi.

  • Sochii Qaamaa Godhi. Hirʼina qaamaa ykn dhukkuba cimaa yoo qabaattellee, umuriin kee hammamiyyuu yoo taʼe, sochii qaamaa gochuun kee haalli fayyaa keetii akka fooyyaʼu gochuu dandaʼa. Miseensonni maatii kee, michoonni kee fi ogeeyyiin fayyaa sochii qaamaa akka gootu kan si jajjabeessan taʼus, irraa fayyadamuuf tarkaanfii fudhachuu kan qabu sumadha.

  • Hirriba Gaʼaa Rafi. Namoonni yeroo dheeraadhaaf hirriba gaʼaa utuu hin rafin dabarsan dhukkuba cimaadhaaf saaxilamuu dandaʼu. Namoonni baayʼeen filannaa godhaniin kan kaʼe hirriba gaʼaa utuu hin rafin hafu. Taʼus, hirriba gaʼaa rafuuf filachuun kee jireenya kee siif fooyyessa.

BARSIIFATA MIIDHAA QABURRAA FAGAADHU

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.

MAAL JECHUUDHA? Wantoota kan akka tamboo jiraniin qaama keenya faaluurraa of qusachuun keenya faayidaa guddaa nuuf argamsiisa; tamboon dhukkubaa fi duʼaaf sababa guddaa taʼuu isaatiin beekama.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Guyyaa itti dhaabdu murteessi, achiis kaalaandarii keerratti mallattoo godhi. Guyyaa, guyyaa murteessite kana dura jirutti sijaaraa mana keessaa qabduu fi wantoota barsiifata miidhaa qabu kanaa wajjin wal qabatan kan biroo gati. Iddoo namoonni wanta barsiifata kanaa wajjin wal qabatu itti raawwatanirraa fagaadhu. Maatiin kee fi michoonni kee akka si deggeraniif murtoo kee kana isaanitti himi.

QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO

Namichi tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira

Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo kee jiran Kitaaba Qulqulluu isa maxxanfame akka siif kennan gaafachuu dandeessa

BALAAN AKKA HIN UUMAMNE OF EEGGADHU.

“Mana haaraa yommuu ijaartu, namni tokko achi irraa kufee manni kee dhiigaan akka itti gaafatamu akka hin gooneef, baaxii kee irratti ittisa tolchi.”—KEESSA DEEBII 22:8.

AARII KEE TOʼADHU.

“Namni dafee hin aarre hubannaa guddaa qaba, namni obsa hin qabne garuu gowwummaa isaa argisiisa.”—FAKKEENYA 14:29.

GARMALEE NYAACHUURRAA FAGAADHU.

‘Warra akka malee nyaatanii wajjin hin taʼin.’—FAKKEENYA 23:20.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi