LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g19 Lakk. 3 ful. 6-7
  • Fayyaa Sammuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fayyaa Sammuu
  • Dammaqaa!—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • AARII
  • GALATEEFFACHUU
  • QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO
  • Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Miira Kee Toʼachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2015
  • Aarii Koo Toʼachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
Dammaqaa!—2019
g19 Lakk. 3 ful. 6-7
Namoonni suuqii guddaa tokko keessa jiran hedduun dhiphatanii mulʼatu; haati tokkoo fi intalli ishii garuu tasgabbaaʼanii jiru

Fayyaa Sammuu

Kitaabni Qulqulluun miirawwan miidhaa qabanirraa akka fagaannuu fi miirawwan faayidaa qaban akka horannu nu jajjabeessa.

AARII

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni dafee hin aarre nama jabaa irra . . . wayya.”—Fakkeenya 16:32.

MAAL JECHUUDHA? Cimina miira keenya toʼachuuf nu dandeessisu yeroo horannu faayidaa guddaa arganna. Yeroo tokko tokko aaruuf sababii gaʼaa kan qabnu taʼus, aariin toʼannaadhaa ala taʼe garuu miidhaa guddaa geessisa. Qorattoonni akka hubachiisanitti namoonni aariidhaan bobaʼan sirriitti yaaduu waan rakkataniif, yeroo baayʼee wanta booda itti gaabban dubbachuu ykn raawwachuun isaanii hin oolu.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Aariin kee si toʼachuusaa dura ati toʼadhu. Namoonni tokko tokko aariin toʼannaadhaa ala taʼe mallattoo ciminaa akka taʼe yaadu; dhugaasaa dubbachuuf garuu, aariin akkasii mallattoo dadhabinaati. Kitaabni Qulqulluun, “Namni aarii isaa toʼachuu hin dandeenye, akkuma magaalaa dallaan ishii diigamee ti” jedha. (Fakkeenya 25:28) Wanti aarii kee toʼachuuf si gargaaru tokko tarkaanfii fudhachuu kee dura dhugaa jiru mirkaneeffachuudha. “Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha.” (Fakkeenya 19:11) Dhimma tokko ilaalchisee gama lamaaniinuu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenya, hubannaa miira keenya tasgabbeessu qabaachuuf nu gargaaru nuuf argamsiisuu dandaʼa.

GALATEEFFACHUU

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

MAAL JECHUUDHA? Namoonni yeroo baayʼee gammachuu qabaaachuu kan dandaʼu nama galateeffatu qofa akka taʼe dubbatu. Namoonni nama jaallatan ykn qabeenya isaanii karaa nama naasisuun dhaban tokko tokkollee kun dhugaa akka taʼe dubbatu. Wanta dhabanirratti utuu hin taʼin, wanta ittiin galateeffatanirratti xiyyeeffachuun isaanii miira isaanitti dhagaʼamu dandamachuuf akka isaan gargaare dubbataniiru.

WANTA GOCHUU DANDEESSU: Guyyaa guyyaadhaan wantoota galateeffachuuf si kakaasan yaadi ykn barreeffadhu. Wantoonni kun dirqama wantoota guguddaa taʼuun isaan hin barbaachisu. Wantoota xixinnoo taʼanirrattillee xiinxali; fakkeenyaaf, bareedina yeroo aduun baatu jiraatuuf, haasaa gaarii nama jaallattu tokko wajjin gooteef ykn guyyaa kanatti lubbuudhaan jiraachuu keetiifillee galateeffachuu dandeessa. Yeroo fudhattee wantoota gaggaarii akkasiirratti yaaduun kee fi wantoota kanaaf galateeffachuun kee caalaatti akka gammaddu godha.

Keessumaa maatii fi michoota qabaachuu keetti sababii itti galateeffatturratti yaaduun kee baayʼee si fayyada. Wanta warra kaan itti dinqisiifattu yoo argatte, dinqisiifannaa kee qaamaan, xalayaadhaan, iimeeliidhaan ykn ergaa barreeffamaatiin isaaniif ibsi. Akkas gochuun kee hariiroo warra kaan wajjin qabdu siif cimsa, akkasumas gammachuu kennuudhaan argamu siif argamsiisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

QAJEELFAMOOTA KITAABA QULQULLUU KAN BIROO

Haati takka Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe dhaggeeffachaa uffata intala ishii dadachaasaa jirti

Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe buufachuu ni dandeessa. Weebsaayitii jw.org irratti gara afaan 40n argama

FALMIIRRAA FAGAADHU.

“Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti; lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi.”—FAKKEENYA 17:14.

WAAʼEE YEROO GARA FUULDURAA GARMALEE HIN YAADDAʼIN.

“Matumaa waaʼee boruutiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—MAATEWOS 6:34.

DHIMMA TOKKO ILAALCHISEE MIIRAAN TARKAANFII FUDHACHUU KEE DURA SIRRIITTI IRRATTI YAADI.

“Dandeettiin yaaduu si eega, hubannaanis si golga.”—FAKKEENYA 2:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi