LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 3
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Addunyaa Maraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Jaalala Argisiisaa
    Dammaqaa!—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 3
Namoonni lama gara waliitti utuu adeemanii. Inni tokko gaaddidduun isa kan biraa milkii gadhee fi sodaachisaa akka taʼe yaada.

Jibba Halaalaa Si Qabeeraa?

Jibbi halaalaa akkuma dhukkuba vaayirasii ti. Namoota dhukkuba kanaan qabaman ni miidha; taʼus namoonni dhukkuba kanaan qabamuu isaanii beekuu dhiisuu dandaʼu.

Namoonni halaalatti kan jibban warra lammiin, sanyii fi gosti isaanii kan biraa taʼe ykn afaan kan biraa dubbatan qofa utuu hin taʼin, warra amantiin, saalli ykn iddoon hawaasa keessatti qaban kan isaanii irraa adda taʼes ni jibbu. Tokko tokko immoo umurii, sadarkaa barumsaa, hirʼina qaamaa ykn bifa isaanii irratti hundaaʼanii namoota madaalu. Taʼus, namoonni kun jibba halaalaa akka qaban isaanitti hin dhagaʼamu.

Jibba halaalaatiin qabamteettaa? Baayʼeen keenya jibba halaalaa warri kaan qaban ni hubanna. Taʼus, jibbi halaalaa akka nu keessa jiru hubachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Dhugaan isaa garuu hundi keenya hamma tokko jibba halaalaa qabna. Namoonni garee tokkoof ilaalcha dogoggoraa yommuu qabaatanii fi garee sana keessaa nama tokkoo wajjin yommuu wal argan, “karaa sirrii hin taaneen isa qabu; dhugaa dubbachuuf garuu kana gochuu isaanii hin beekan.”

Fakkeenyaaf, biyya Baalkaan bakka Joovikaan jiraatutti gosti uummata xiqqoo qabu tokko jira. Joovikaan akkas jedheera: “Namoota sana keessaa namni gaariin tokko illee hin jiru jedheen yaada ture. Taʼus, jibbi halaalaa akka na keessa jiru hin yaadun ture. Waaʼee isaanii wanti ani yaadu dhugaa akka taʼe nan amanan ture.”

Mootummoonni hedduun sanyiidhaan wal qoqqooduu fi gosa jibba halaalaa tokko tokko hambisuuf seera baasaniiru. Taʼus, jibbi halaalaa itti fufeera. Maaliif? Sababiin isaas, seerawwan kun gocha namootaa qofa irratti xiyyeeffatu. Yaadaa fi miira namootaa toʼachuu hin dandaʼan. Jibbi halaalaa immoo yaadaa fi garaa namaa keessaa jalqaba. Kanaafuu, carraaqqiin jibba halaalaa hambisuuf godhamu milkaaʼina hin qabu jechuudhaa? Qorichi jibba halaalaa fayyisuu dandaʼu jiraa?

Mata dureewwan itti aanan qajeelfamoota namoonni jibba halaalaa sammuu fi garaa isaanii keessaa baasuuf gargaaran shan ibsu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi