LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g20 Lakk. 3 ful. 12-13
  • Jaalala Argisiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalala Argisiisaa
  • Dammaqaa!—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rakkina Jiru
  • Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu
  • Wanta Gochuu Dandeessu
  • Jibba Halaalaa Moʼaniiru
    Dammaqaa!—2020
  • Jibba Halaalaa—Si Qabeeraa?
    Dammaqaa!—2020
  • Halaalatti Nama Jibbuun Kan Hafu Yoomi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Rakkina Addunyaa Maraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2020
g20 Lakk. 3 ful. 12-13
Dubartiin Hindii tokko dubartii Faranjii maanguddoo miʼa nyaataa ishiin qabatte gargaartee kortoo ol baasaa jirti.

Jaalala Argisiisaa

Rakkina Jiru

Miirri jibba halaalaa dafee hin badu. Akkuma vaayirasii irraa guutummaatti fayyuuf yeroo fi carraaqqii gaafatu, jibba halaalaa balleessuunis yeroo fi carraaqqii gaafata. Jibba halaalaa of keessaa baasuuf maal gochuu dandeessa?

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu

Fakkii: 1. Namni Eeshiyaa tokko nama gurraacha buna qabate tokkoof balbala banee qabaafii jira. 2. Namichi gurraachi kun dubartii Hindii duraan ibsamte dabalatee, namoota isa waliin hojjetaniif buna kennaa jira.

“Jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.”—QOLOSAAYIS 3:14.

Maal jechuu dha? Warra kaaniif wanta gaarii gochuun namoota walitti dhiheessa. Warra kaanitti caalaatti yommuu jaalala argisiistu, jibbi halaalaa qabdu xiqqaachaa deema. Namoota jaallachuu barachuun kee, miira dogoggoraa isaaniif qabdu moʼuuf si gargaara.

Wanta Gochuu Dandeessu

Fakkii: 1. Dubartii Faranjiin maanguddoon tokko dubartii Hindii tokkoon miʼa nyaataa ishii qabattee kortoo akka baatu gargaaramaa jirti. 2. Faranjii maanguddoon kun nama Eeshiyaa ollaa ishii jiruu fi duraan ibsameef kuukisii kennaa jirti.

Namoota garee ati ilaalcha dogoggoraa isaaniif qabdu keessaa taʼaniif, karaawwan jaalala argisiisuu itti dandeessu tokko tokko yaadi. Kana gochuuf dirqama waan guddaa gochuu hin qabdu. Kanneen armaan gadii keessaa tokko ykn isaa ol gochuuf yaali:

Gocha jaalalaa xixinnoo yommuu gootu hundatti, jibba halaalaa dhiisaa deemta

  • Nama miseensa saba sanaa taʼe tokkoof, balbala banuu ykn geejjiba uummataatiin yommuu deemtu teessuma isaaf gadhiisuudhaan amala gaarii itti argisiisi.

  • Afaan kee akka gaariitti kan hin dandeenye yoo taʼan illee, wanta muraasa isaan haasofsiisuuf yaali.

  • Wanta ati hin hubanne yoo raawwatan obsa qabaadhu.

  • Waaʼee rakkina isaanii yoo dubbatan isaaniif gaddi.

Seenaa Dhugaa: Naazaaree (Giinii Bisaawu)

“Kanaan dura baqattootaaf jibba halaalaa qaban ture. Baqattoonni hedduun qarshii ykn gargaarsa argachuuf mootummaa akka sobanii fi baayʼeen isaanii yakkamtoota akka taʼan natti himamee ture. Kun immoo ilaalcha sirrii isaaniif qabachuun akka natti ulfaatu godhe. Taʼus, namoonni baayʼeen baqattootaaf ilaalcha akkasii waan qabaniif, miirri koo kun jibba halaalaa akka taʼe hin hubannen ture.

“Taʼus yeroo booda, ilaalchi dogoggoraa ani baqattootaaf qabu jibba halaalaa taʼuu isaan hubadhe. Ogummaan Kitaaba Qulqulluu caalaatti akkan isaan jaalladhu na gargaareera. Amma isaan irraa hin fagaadhu. Faallaa kanaatiin, nagaan isaan gaafadha, akkasumas isaanii wajjin nan haasaʼa. Dhuunfaatti tokkoo tokkoo isaanii beekuuf yaaliin godha. Amma miira gaarii isaaniif qaba, isaanii wajjin taʼuunis natti tola.”

“Jalʼina haqaa hambisuun barbaade”

Raafikaa Mooris.

Raafiikaan jalʼina haqaa sanyii wajjin haala wal qabateen raawwatamu hambisuuf garee tokkotti makamte. Taʼus, walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yommuu argamtu, tokkummaa barbaadaa turte argatte.

Viidiyoo Raafikaa Mooris, Jalʼina Haqaa Mormuun Barbaada Ture jedhu ilaali. Mata duree viidiyichaa jw.org irraa barbaadi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi