LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g23 Lakk. 1 ful. 6-8
  • Garba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Garba
  • Dammaqaa!—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garbi Balaadhaaf Saaxilameera
  • Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte
  • Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?
  • Baafata Mata Duree
    Dammaqaa!—2023
  • Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti
    Dammaqaa!—2023
  • Seensa
    Dammaqaa!—2023
Dammaqaa!—2023
g23 Lakk. 1 ful. 6-8
Namichi tokko garba qurxummiilee fi biqiltootaan guutame keessatti bishaan daakaa jira.

Georgette Douwma/Stone via Getty Images

LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?

GARBA

GARBI wantoota nyaataaf taʼan qofa utuu hin taʼin wantoota qoricha hojjechuuf oolan hedduus qaba. Garbi oksijiinii lafarra jiru walakkaadhaa ol taʼu maddisiisa, kaarboonii miidhaa geessisummoo ofitti fudhata. Haala qilleensaa lafaas ni toʼata.

Garbi Balaadhaaf Saaxilameera

Jijjiiramni qilleensaa cirracha galaanaas taʼe uumamawwan garba keessa jiran balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Saayintistoonni cirrachi uumama galaana keessa jiru hunda keessaa yoo xinnaate kurmaana tokko jiraachisu waggaa 30 keessatti baduu akka dandaʼu tilmaamaniiru.

Hayyoonni simbirroota galaana keessaa sooratan keessaa dhibbeentaa 90 kan taʼan pilaastikii nyaatanii taʼuu akka dandaʼu tilmaamaniiru; pilaastikiin garba keessatti argamu waggaa waggaadhaan bineeldota miliyoonaan lakkaaʼaman akka galaafatu yaadama.

Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼan Antooniyoo Guuterez bara 2022tti akkana jedhaniiru: “Garbaaf kunuunsa barbaachisu gochaa hin jirru; kanaan kan kaʼes yeroo ammaatti balaadhaaf saaxilamee jira.”

Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte

Garbii fi lubbu qabeeyyiin garba keessa jiran faalamni namoonni geessisan hamma baayʼee hin hammaannetti of qulqulleessuu akka dandaʼan godhamanii uumaman. Kitaabni Regeneration: Ending the Climate Crisis in One Generation jedhamu akka ibsetti namoonni faaluu yoo dhiisan “garbi of qulqulleessuusaa itti fufuu ni dandaʼa.” Fakkeenyota muraasa ilaali:

  • Orgaanizimoonni xixinnoon faayitoopilaankitan jedhaman kaarboon daayoksaayidii isa hoʼi addunyaa akka dabalu godhu ni sooratu, akkasumas ni kuufatu. Orgaanizimoonni kun qofti kaarboon daayoksaayidii mukkeen, margii fi biqiltoonni lafarratti biqilan kaan hundi walitti idaʼamanii kuufatan wajjin wal qixa taʼu kuufachuu dandaʼu.

  • Maayikiroobonni gogaa fi lafee qurxummiilee duʼanii sooratu; wantoonni kun garba faaluu dandaʼu. Achiis maayikiroobonni kun uumamawwan galaanaa kan birootiif nyaata taʼu. Weebsaayitiin Smithsonian Institution Ocean Portal jedhamu akka jedhetti qindoominni kun “garbi qulqulluu taʼee akka itti fufu godha.”

  • Uumamawwan garba keessa jiran hedduun sirna bullaaʼinsa nyaataa isaaniitti fayyadamanii asiidiin bishaan keessa jiruu fi uumamawwan elellaa qabanii fi uumamawwan kan biroo miidhu akka hirʼatu godhu.

    KANA BEEKTAA?

    Marga Galaanaa fi Garba

    Fakkii dambaliin qarqara galaanaatti dhihaatee argisiisu. Dacheen, margi fi uumamawwan galaana keessaa ni mulʼatu. Margi galaana keessaa dambaliin yeroo gara qarqara galaanaatti dhihaatu hammii fi saffisni isaa akka hirʼatuu fi cirrachi iddoo isaatii akka hin sochoone godheera. Qurxummiileenii fi uumamawwan galaanaa kan biroon marga keessaa nyaata argataniiru. Bishaan gara qarqara galaanaa dhufu qulqulluudha, dambaliinis hirʼateera.

    Margi galaana keessatti biqilu cirrachi galaana keessaa bakka isaatii akka hin sochoone gumaacha godha. Kana malees, elellaan galaana keessaa akka hin miidhamne, dambaliin akka hirʼatuu fi qarqarri galaanaa dhiqamee akka hin fudhatamne gochuudhaan eegumsa godha.

Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?

Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Namichi tokko korojoo irra deddeebiʼee fayyadamuu dandaʼu keessaa miʼa garagalchaa jira. 2. Dubartiin takka miʼa bishaanii irra deddeebitee fayyadamuu dandeessutti bishaan buufachaa jirti.

Miʼoota irra deddeebiʼanii faayidaarra ooluu dandaʼanitti yoo fayyadamne baayʼina pilaastikii garba keessatti gatamuu hirʼisuu dandeenya

Balfi gara garbaatti hin seenu taanaan qulqulleeffamuun isa hin barbaachisu. Hayyoonni miʼoota pilaastikii yeruma sana gatamanitti fayyadamuu mannaa, wantoota irra deddeebiʼanii faayidaarra ooluu dandaʼanitti akka fayyadamnu kan jajjabeessan kanaafi.

Kun qofti garuu gaʼaa miti. Dhiheenya kana dhaabbanni eegumsa naannoo tokko waggaa tokko keessatti balfa biyyoota 112 keessatti qarqara galaanaatti gatame toonii 9,200 ol walitti qabeera. Taʼus kun balfa waggaa waggaadhaan garbatti gatamu keessaa gara tokko kuma tokkoffaa qofadha.

National Geographic akka gabaasetti “asiidiin hanga ammaatti [garba keessatti] kuufamaa ture qulqulleeffamuu kan hin dandeenye taʼuu dandaʼa.” Aarri maddeen anniisaa keessaa baʼu uumamawwan galaana keessaa garba qulqulleessuu akka hin dandeenye gufuu isaanitti taʼeera.

Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

“Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti. Galaannis guddaa fi balʼaa dha, uumamawwan guguddaa fi xixinnaan lakkaaʼamuu hin dandeenyes isa keessa guutaniiru.”—Faarfannaa 104:24, 25.

Uumaan keenya garba yeroo uumetti dandeettii of qulqulleessuu akka qabaatu godhee uume. Galaanas taʼe uumamawwan galaanaa hunda kan uume isa waan taʼeef, miidhaa garbarra gaʼe hunda sirreessuu ni dandaʼa jedhanii amanuun sirriidha. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhuu fi fuula 15rra jiru ilaali.

CAALAATTI BARADHU

Qurxummiin paayilat weel jedhamuu garba keessatti bishaan daakaa jira.

Blue Planet Archive/Doug Perrine

Saayintistoonni keemikaalota summaaʼoo utuu hin fayyadamin dooniiwwan guguddaa akkamitti akka qulqulleessan uumama galaanaa tokkorraa barataniiru. Mata duree “Gogaa Qurxummii Paayilat Weel Jedhamuu fi Ofiin Of Qulqulleessu” jedhu jw.org irraa dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi