LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 15
  • Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Abrahaamii Wajjin Kakuu Gale
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Haadha Manaa Loox Yaadadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 15

SEENAA 15

Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte

LOOXIIFI maatiinsaa Abrahaamii wajjin biyya Kana’aan keessa jiraatu turan. Gaaf tokko Abrahaam Looxiin: ‘Lafti horiiwwan keenyaaf ga’u as hin jiru. Maaloo gargar haa baanu. Ati gara tokko yoo deemte, ani gara tokko nan deema’ jedheen.

Loox biyyattii ilaale. Kutaa biyyattii bishaaniifi marga gaarii horiisaatiif ta’u qabdu ilaale. Isheenis Koonyaa Yordaanos turte. Kanaaf, Loox maatiisaafi horiisaa achi geesse. Booddees, jireenyasaanii achuma magaalaa Sodoom godhatan.

Namoonni biyya Sodoom baay’ee gadhee turan. Loox nama gaarii waan ta’eef, kun baay’ee isa gaddisiisee ture. Waaqayyoonis gaddisiisee ture. Booddee, Waaqayyo, Sodoomiifi ollaashee kan taate Gomoraa hammeenyasaaniitiin kan ka’e balleessuuf akka jedhu, Looxiin akka akeekkachiisan ergamoota lama erge.

Ergamoonni sun Looxiin: ‘Dafi! Haadha manaa keefi ijoollee durbaa kee lamaan qabadhuutii asii ba’i!’ jedhaniin. Looxifi maatiinsaa dafanii ba’uu didnaan, ergamoonni sun harkaan qabanii magaalattiidhaa isaan baasan. Achiis ergamoota keessaa inni tokko: ‘Akka hin balleeffamneef baqadhaa! Gara galtanii hin ilaalinaa. Akka hin ajjeefamne gara gaarota sanaatti baqadhaa’ isaaniin jedhe.

Looxiifi ijoolleensaa ajajamuudhaan Sodoom keessaa baqatanii ba’an. Takkaallee hin dhaabanne; garagalaniis hin ilaalle. Haati manaa Loox garuu hin ajajamne. Sodoomirraa xinnuma erga fagaatanii booda, dhaabattee of duuba ilaalte. Achiis, haati manaa Loox dhagaa sogiddaa taatee hafte. Fakkii kanarratti ishee ilaaluu dandeessaa?

Kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Waaqayyo warra isaaf ajajaman akka fayyisu, warri isaaf hin ajajamne garuu akka balleessu nu barsiisa.

Uumama 13:5-13; 18:20-33; 19:1-29; Luqaas 17:28-32; 2 Phexros 2:6-8.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi