LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 34
  • Nyaata Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nyaata Haaraa
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Bofa Sibiila Diimaarraa Hojjetame
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Dunkaana Waaqeffannaadhaaf Tajaajilu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Museen Katticha Rukute
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 34

SEENAA 34

Nyaata Haaraa

WANTI namoonni lafaa funaannatan kun maal akka ta’e beektaa? Wanta akka cabbii addaatuufi qola haphii fakkaatu ture. Garuu, wanta nyaatamu malee cabbii miti.

Erga Israa’eloonni Gibxii ba’anii reefuu ji’a tokkota’a. Lafa onaa keessa jiru. Lafa onaatti kan margu midhaan xiqqoo waan ta’eef, sabni Israa’el: ‘Utuu Yihowaan biyya Gibxiitti nu ajjeesee wayya ture. Yoo xinnaatellee achitti nyaata akka garaa keenyaatti arganna turre’ jechuudhaan gumguman.

Achiis Yihowaan: ‘Samiirraa buddeena isiniif nan roobsa’ jedheen. Akkuma jedhetti ni roobsiiseef. Borumtaasaatti Israa’eloonni wanta adii gadi bu’e kana yeroo argan, ‘Kun maali?’ jedhanii wal gaafachuutti ka’an.

Museen: ‘Kun nyaata Yihowaan isiniif kennedha’ jedheen. Isaanis, MAANNAA jedhanii maqaa baasaniif. Mi’aansaa akka maxinoo dammaan tolfameeti.

Museen: ‘Hamma namni tokko nyaachuu danda’u qofaa funaannadhaa’ jedhee isaanitti hime. Kanaafuu, ganama ganama hojiinsaanii kanuma ture. Yeroo aduun baatummoo maannaan sun baqee lafarraa dhabama ture.

Ammammoo Museen: ‘Namni tokkollee isarraa boriif hin hambifatin’ isaaniin jedhe. Isaan keessaa tokko tokko garuu isa hin dhageenye. Maal akka ta’e beektaa? Borumtaasaa ganama, maannaan funaannatan sun akkuma jirutti raamma’ee ajaa’e!

Haata’u malee, jaroonni maannaa harka lama kan itti sassaabbatan torban keessaa guyyaan tokko jira ture. Guyyaa torbaffaatti maannaan isaaniif waan hin buuneef, guyyaa ja’affaatti maannaa guyyaa lamaaf ta’u yoo sassaabbatan hin raamma’u, hin ajaa’us. Kun dinqii gara biraadha!

Waggoota Israa’eloonni lafa onaa keessa jiraatan hundumaatti, Yihowaan maannaa isaan nyaachise.

Ba’uu 16:1-36; Lakkoobsa 11:7-9; Iyaasuu 5:10-12.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi