LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 41
  • Bofa Sibiila Diimaarraa Hojjetame

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bofa Sibiila Diimaarraa Hojjetame
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gogaa Bofaa
    Dammaqaa!—2014
  • Huuxxii Boba’u
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 41

SEENAA 41

Bofa Sibiila Diimaarraa Hojjetame

BOFTI mukatti marame kun bofa dhugaa fakkaataa? Bofa dhugaa miti. Sibiila diimaarraa kan tolfamedha. Namoonni isa arganii du’arraa ooluu akka danda’anitti mukarratti akka isa fannisuuf Yihowaan Museetti hime. Bofawwan lafarra jiran kun garuu bofa dhugaati. Jaroota kana hiddanii akka dhukkubsatan godhaniiru. Maaliif akka ta’e beektaa?

Sabni Israa’el Waaqayyoofi Museerratti ka’uusaaniitiin kan ka’edha. ‘Lafa onaa kanatti akka duunu biyya Gibxii kan nubaastan maaliifi? Buddeennis bishaanis hin jiru. Maannaa nyaachuun nuu gameera’ jedhanii gumguman.

Haata’u malee, maannaan nyaata gaarii ture. Nyaata Yihowaan dinqiidhaan isaaniif kennedha. Bishaanis akkasuma haala dinqii ta’een akka argatan godheera. Haata’u malee, sabni Israa’el kunuunsa Yihowaan isaanif godheef kan galateeffatan hin turre. Kanaafuu, Yihowaan Israa’eloota adabuuf bofawwan hadhaa qaban erge. Bofawwan kun waan isaan hiddaniif, baay’eensaanii du’aniiru.

Booddee, sabnisun gara Musee dhufanii akkas jedhaniin: ‘Siifi Yihowaarratti gumgumuu keenyaan cubbuu hojjenneerra. Yihowaan bofawwan kana akka nurraa fageessu nuuf kadhadhu.’

Kanaafuu Museen jarootaaf kadhate. Achiis Yihowaan, Museen bofa kana sibiila diimaarraa akka hojjetu itti hime. Namni hiddame hundi isa ilaalee akka fayyuuf mukarratti fannisi jedheen. Museen akkuma Waaqayyo isaan jedhe godhe. Namoonni hiddaman bofa sibiila diimaarraa tolfame yommuu ilaalan ni fayyan.

Kanarraa wanti barannu jira. Hundi keenya, haala Israa’eloota bofaan hiddaman sanaa wajjin walfakkaatu keessa jirra. Hundi keenyayyuu ni duuna. Haala naannoo kee jiru yoo ilaalte, namoonni ni dulloomu, ni dhukkubsatu, ni du’u. Kun kan ta’e, Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu diduusaaniitiin, akkasumas hundi keenya ijoolleesaanii ta’uu keenyaani. Haata’u malee, Yihowaan karaa bara baraaf jiraachuu itti dandeenyu nuuf qopheesseera.

Yihowaan Ilmasaa Yesus Kiristosiin gara lafaatti ergeera. Namoonni baay’een, Yesus nama hamaadha jedhanii waan yaadaniif mukarratti isa fannisaniiru. Haata’u malee, Yihowaan nu fayyisuuf Yesusiin nuuf kenneera. Isatti yoo amanamneefi yoo isa hordofne jireenya bara baraa argachuu dandeenya. Booddee waa’ee kanaa baay’ee baranna.

Lakkoobsa 21:4-9; Yohannis 3:14, 15.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi