Michoonni Keenya Warri Du’an Abdii Akkamii Qabu?
Namichi Iyoob jedhamu yeroo dheeraa dura, “Namni erga du’ee deebi’ee in jiraataa ree?” jedhee gaafatee ture. (Iyoob 14:14) Atis akkas jettee gaafatee beekta ta’a. Haalli yeroo ammaatti jiru fooyya’ee, lafuma kanarratti michoonnikee warri du’an ka’anii wajjin jiraachuu akka dandeessu utuu beektee maaltu sitti dhaga’ama?
Macaafni Qulqulluun, “Warri kan keetii garuu in jiraatu, . . . du’aa in ka’[u]” jechuun abdii kenna. Akkasumas Macaafni Qulqulluun, “Toloonni lafandhaalu isarras barabaraan injiraatu” jedha.—Isaayaas 26:19; Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.
Abdiiwwan kanatti amanamuuf gaaffiiwwan bu’uura ta’an tokko tokko gaafachuu nu barbaachisa: Namoonni maaliif du’u? Namoonni du’an eessa jiru? Lammata deebi’anii akka jiraatan mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu akkamitti?
Duuti Maalidha? Yeroo Duunu Maal Taana?
Kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa namoonni akka du’aniif akka hin taane Macaafni Qulqulluun ni ibsa. Haadha manaafi abbaa manaa jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaaniin yeroo uume, lafa jannata Eeden jedhamtu keessa erga isaan kaa’ee booda, Jannata bakka jireenyaasaanii taate akka babal’isan isaan abboomee ture. Kan du’an abboommiisaa yoo cabsan qofa ture.—Uumama 1:28; 2:15-17.
Addaamiifi Hewwaan gaarummaa Waaqayyo isaanitti argisiiseef dinqisiifannaa waan dhabaniifi abboommiisaas waan cabsaniif, adabni kanaan dura isaanitti himame isaanitti murame. Waaqayyo Addaamiin, “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti [in deebita]” isaan jedhe. (Uumama 3:19) Addaam uumamuusaa dura hin jiru ture; biyyoo ture. Waan abboomamuu dideef ykn waan cubbuu hojjeteef, Addaam gara biyyootti jechuunis jireenyaa ala akka ta’u isatti murame.
Duuti jireenyaa ala ta’uudha. Macaafni Qulqulluun, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyoo . . . tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” jedha. (Roomaa 6:23) Macaafni Qulqulluun duuni miiraafi yaanni kan keessa hin jirre akka ta’e yeroo ibsu, “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. (Lallaba 9:5) Macaafni Qulqulluun namni tokko si’a du’u, “Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebi’ee biyyoo in ta’a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada” jechuun ibsa.—Faarfannaa 146:3, 4.
Abboommii Eeden keessatti kenname kan cabsan Addaamiifi Hewwaan erga ta’anii, hundi keenya kan duunu maaliifi? Hundi keenya kan dhalanne Addaam abboommii Waaqayyoo erga cabsee booda waan ta’eef; cubbuufi du’a isarraa dhaalleerra. Akkuma Macaafni Qulqulluun ibsu: “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.”—Roomaa 5:12; Iyoob 14:4.
Ta’us namni tokko, ‘Namoonni lubbuu hin duune qabu mitii?’ jedhee gaafata ta’a. Namoonni baay’een akkas jedhanii barsiisuurra darbee, balbala gara jireenya biraatti nama dabarsudha jedhu. Yaanni kun garuu Macaafa Qulqulluurraa kan madde miti. Kanaa mannaa, Dubbiin Waaqayyoo ati lubbuu akka taate, qaamaafi amallikee siin kan bakka bu’u akka ta’e ibsa. (Uumama 2:7; Ermiyaas 2:34; Fakkeenya 2:10) Akkasumas Macaafni Qulqulluun, “lubbuun isa cubbuu hojjetuu haa du’u!” jedha. (Hisqi’el 18:4) Macaafni Qulqulluun eessattiyyuu namni lubbuu hin duune akka qabuufi du’a boodas jiraachuu akka danda’u hin barsiisu.
Namoonni Du’an Deebi’anii Jiraachuu Kan Danda’an Akkamitti?
Waaqayyo cubbuufi duuti gara addunyaatti erga dhufanii booda, namoonni du’an ka’anii gara jireenyaatti akka deebi’an kaayyoosaa akka ture ibseera. Kanaaf Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra du’an keessaa iyyuu [ilmasaa Yaaqoob] kaasuu akka danda’u, Abrahaam yaada irra kaa’atee ture” jechuun ibsa. (Ibroota 11:17-19) Macaafni Qulqulluun Waaqa isa Hundumaa danda’u ilaalchisee, “Gooftaan, Waaqayyo warra du’anii miti, Waaqayyo warra jiranii ti malee; isaaf hundinuu jiraatoo dha’o” jechuun waan ibsuuf, amanannaan Abrahaam sirrii ture.—Luqaas 20:37, 38.
Eeyyee, Waaqayyo Inni Hundumaa Danda’u humna qofa utuu hin ta’in, namoota du’aa kaasuuf filate kaasuuf fedhiis qaba. Yesus Kiristos, “Waa’ee kanaa hin dinqifatinaa; warri du’anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga’an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba’u” jedheera.—Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.
Yesus kana dubbatee utuu baay’ee hin turin, magaalaa Israa’el Naayin jedhamtuu namoonni reeffa baatanii isatti dhufan. Dargaggeessi du’e kun ilma tokkicha haadha hiyyeessaa tokko ture. Gadda isheerra ga’e yeroo argu isheef oo’e. Kanaaf, reeffichatti hiiqee, “Dargaggeessa nana, siin nan jedha ka’i!” jedhee reefficha abboome. Dargaggeessichis ka’ee taa’e; Yesusis haadhasaatti isa kenne.—Luqaas 7:11-17.
Akkuma haadha hiyyeessaa sanaa, yeroo Yesus mana Yaayiros isa geggeessituu mana sagadaa Yihudootaa dhaqetti gammachuu guddaan ta’ee ture. Intallisaa waggaa 12 jalaa duute. Ta’us Yesus mana Yaayiros bira yeroo ga’u mucattii bira dhaqee, “Intalo, ka’i!” jedheen. Isheenis ni kaate!—Luqaas 8:40-56.
Yeroo boodammoo, Alaazaar michuun Yesus ni du’e. Yesus mana Alaazaar yommuu ga’u, Alaazaar erga du’ee guyyaa afur ta’eera. Obboleettiinsaa Maartaan baay’ee gadditus, “Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du’an du’aa ka’anitti, akka inni ka’u ani beeka” jechuun abdii qabdu ibsiteetti. Haata’u malee, Yesus gara awwaalichaa dhaqee, dhagaa ittiin holqa awwaalichaa cufan akka ittii fuudhan erga abboomee booda, “Alaazaar as ba’i!” jedhee yeroo isa waamu, innis in ba’e!—Yohannis 11:11-44.
Mee waa’ee kanaa yaadi: Alaazaar guyyoota arfan du’ee turetti haala akkamii keessa ture? Alaazaar waa’ee jireenya gammachiisaa samiirraa ykn bakka dhiphinaa akka ture tasumaa hin dubbanne. Bakka akkasii utuu tureera ta’ee waa’eesaa ni dubbata ture. Alaazaar guutummaatti jireenyaa ala waan tureef, hamma “guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du’an du’aa ka’anitti” gara jireenyaatti hin deebi’u ture.
Namoonni Yesus du’aa kaase deebi’anii waan du’aniif faayidaan isaan argatan yeroof qofa akka ture beekamaadha. Ta’us, wanta Yesus waggaa 1,900 dura raawwate, namoonni du’an humna Waaqayyootiin ka’uudhaan deebi’anii akka jiraatan mirkaneesseera! Kanaaf Yesus dinqiiwwan muraasa raawwateen, wanta Mootummaa Waaqayyoo jalatti raawwatamu argisiiseera.
Michuun Keenya Yeroo Du’u
Abdii du’aa ka’uutti kan amantan ta’us, diina kan ta’e duuti balaa yoo geessise gaddi keessan guddaa ta’uu danda’a. Abrahaam haati manaasaa Saaraan du’aa akka kaatu amantii qabaatus, “Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi isheedhaaf boo’uufis ol in gale” kan jedhu dubbisna. (Uumama 23:2) Waa’ee Yesus maal jechuutu danda’ama? Yeroo Alaazaar du’etti, “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame” achiis “imimmaan isaa dhangalaase.” (Yohannis 11:33, 35) Kanaaf, michoonni keessan yeroo du’an boo’uun dadhabinaa miti.
Yeroo mucaan du’utti keessumaa haadhaaf gaddisaa cimaadha. Kanaaf Macaafni Qulqulluun gadda guddaa haadhatti dhaga’amu ibsa. (2 Mootota 4:27) Abbaa mucaasaa dhabeefis gadda guddaa akka ta’u beekamaadha. Daawit Mootichi yeroo ilmisaa Abiishaalom du’etti, “Ani iddoo kee utuun du’eera ta’ee, anaaf wayya ture! Wayyoo!” jechuun boo’eera.—2 Saamu’el 18:33.
Ta’us, abdii du’aa ka’uurratti amantii waan qabduuf garmalee hin gadditu. Macaafni Qulqulluun, “akka namoota abdii hin qabnetti akka hin gaddine” jedha. (1 Tasaloniiqee 4:13) Kanaa mannaa, kadhannaadhaan gara Waaqayyootti dhihaadhu; Macaafni Qulqulluun abdii, “inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” jedhu kenna.—Faarfannaa 55:22.
Caqasawwan tiraaktii kana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha.