Kutaa 8
Kaayyoon Waaqayyoo Gara Raawwiisaatti Adeemaa Jira
1, 2. Waaqayyo rakkina balleessuuf qophii gochaa kan ture attamitti?
BULCHIINSI namoota jal’ootaafi hafuurota xuraa’oo, jaarraa hedduudhaaf ilmaan namootaa gara duubaatti harkisuudhaan dhiibbaa guddaa geessisaniiru. Haata’u malee, Waaqayyo rakkina keenya callisee hin ilaalu. Kanaa mannaa, jaarraa darban hundaatti namoota rakkinaafi dhiphina keessaa baasuuf qophii gochaa tureera.
2 Dhaaba Eeden keessatti yeroo namoonni isarratti ka’an, Waaqayyo mootummaa tokko hundeessuudhaan biyya lafaa kana jannata namoonni keessa jiraatan gochuuf kaayyoo akka qabu beeksise. (Uumama 3:15) Kana booddee sagale-dabarsituu Waaqayyoo kan ta’e Yesus, Mootummaa Waaqayyoo ishee dhuftu kana ijoo barumsasaa godhateera. Abdiin ilmaan namaas Mootummattii qofa akka taate dubbateera.—Daani’el 2:44; Maatewos 6:9, 10; 12:21.
3. Yesus, bulchiinsa haaraa biyya lafaa bulchu maal jedhee waame? Maaliif?
3 Mootummaan gara fulduraatti dhuftu kun samiirra taatee waan bulchituuf, Yesus ‘Mootummaa waaqaa’ jechudhaan ishee waameera. (Maatewos 4:17) Kana malees, burqaan Mootummattii Waaqayyo waan ta’eef, ‘Mootummaa Waaqayyoo’ jechudhaan ishee waameera. (Luqaas 17:20) Waaqayyo waggoota hedduu dura Mootummattiin maal akka raawwattuufi miseensonnishee eenyuufaa akka ta’an hafuurasaatiin raajiin akka barreeffamu godheera.
Mootii Haaraa Biyya Lafaa Bulchu
4, 5. Waaqayyo, Yesus Mootii ga’eessa ta’uusaa kan mirkaneesse attamitti?
4 Mootiin Mootummattii eenyuu akka ta’u raajii waggoota kuma lama dura dubbataman kan raawwate Yesusidha. Samiirra taa’ee ilmaan namootaa akka bulchuuf Waaqayyo Yesusiin filachuunsaa mirkanaa’eera. Waaqayyo, Yesusiin du’aa kaasuudhaan samiirratti qaama hafuuraa hin duune isaaf kenneera. Du’aa ka’uusaa namoonni hedduun dhugaa ba’aniiru.—Hojii Ergamootaa 4:10; 9:1-9; Roomaa 1:1-4; 1 Qorontos 15:3-8.
5 Achiis Yesus “mirga Waaqayyoo taa’e.” (Ibroota 10:12) Mootummaa Waaqayyoo ishee samiirratti argamturratti Mootii ta’uudhaan akka tarkaanfii fudhatuuf hanga Waaqayyo aboo isaaf kennutti eeggata. Kunis, “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa’i!” jechuudhaan raajiin Waaqayyo Faarfannaa 110:1rratti dubbate akka raawwiisaa argatu godheera.
6. Yesus, Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’uuf ga’eessa ta’uusaa kan argisiise attamitti?
6 Yesus yeroo lafa turetti bakka kanaaf ga’eessa ta’uusaa argisiiseera. Ari’atamni isarra ga’ullee, amanamummaa Waaqayyoof qabu eegee jiraachuu filateera. Akkas gochuudhaanis, jecha Seexanni namni tokkollee yoo rakkinni irra ga’e Waaqayyoof amanamaa ta’uu hin danda’u jechuudhaan dubbate soba ta’uusaa mirkaneesseera. Yesus, jechuunis “Addaam inni lammaffaan,” Waaqayyo namoota mudaa hin qabne yeroo uumetti akka hin dogoggorre argisiiseera.—1 Qorontos 15:22, 45; Maatewos 4:1-11.
7, 8. Yesus yeroo lafarra ture wantoota gaarii akkamii hojjeteera? Kunoo maaliif ga’eessa ta’uusaa argisiisa?
7 Bulchaan, wantoota gaarii Yesus tajaajilasaa yeroo gabaabaa keessatti raawwatee wajjin wanta wal fakkaatu raawwate jiraa? Yesus humna hafuura Waaqayyoorraa argateen, warra dhukkubsatan, warra naafatan, warra ijisaanii hin argine, warra gurrisaanii hin dhageenyeefi warra arrabnisaanii hin dubbanne fayyiseera. Namoota du’anillee kaaseera! Yeroo aangoo Mootummaasaatiin dhufutti ilmaan namootaatiif maal akka godhu wantoota kana raawwachuudhaan argisiiseera.—Maatewos 15:30, 31; Luqaas 7:11-16.
8 Yesus yeroo lafarra turetti wantoota gaarii hedduu ta’an hojjechuusaa ilaalchisee Yohannis akkas jechuudhaan dubbateera: “Kana malees, kan biraa Yesus kan hojjete waan baay’een jiru; hundumti isaanii tokko tokkoon utuu caafamanii, biyyi lafaa macaafota isaan itti caafaman fudhachuu hin danda’u anatti fakkaata.”—Yohannis 21:25.a
9. Namoonni garaa qajeelaa qaban gara Yesusitti kan dhufan maaliifi?
9 Yesus, arjaafi garalaafessa yeroo ta’u, ilmaan namootaatiifis jaalala guddaa qaba ture. Warra hiyyeeyyiifi warra hacuucaman kan gargaare ta’us, warra sooreyyiifi aboo qabanirratti hamaa hin hojjenne. Namoonni garaa qajeelaa qaban, afeerrii Yesus akkas jechuudhaan isaanii dhiheesse gammachuudhaan fudhataniiru: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaadha.” (Maatewos 11:28-30) Namoonnii Waaqayyoon sodaatan hundi garasaatti dhufuudhaan bulchiinsasaa eeggachaa turan.—Yohannis 12:19.
Warra Isaa Wajjin Bulchan
10, 11. Yesusii wajjin lafa kana kan bulchan eenyu fa’i?
10 Akkuma bulchitoonni namootaa warra isaanii wajjin bulchan qaban, Mootummaan Waaqayyoos namoota Yesusii wajjin bulchan qabdi. Biyya lafaa kana isaa wajjin akka bulchaniif akkuma Yesus michootasaatiif waadaa galetti, warri kaanis biyya lafaa kana bulchuurratti ni hirmaatu.—Yohannis 14:2, 3; Mul’ata 5:10; 20:6.
11 Kanaafuu, namoonni lakkoofsisaanii muraasa ta’e Yesusii wajjin akka bulchaniif du’aa ka’uudhaan samiirra jiraatu. Isaanis Mootummaa Waaqayyoo ishee ilmaan namootaatiif badhaadhina bara baraa fiddu ni hundeessu. (2 Qorontos 4:14; Mul’ata 14:1-3) Kanaafuu, yeroo dheeraadhaa jalqabee Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaatiif eebba bara baraa fiddu hundeessaa tureera.
Yeroon Ofiin Of Bulchuun Itti Raawwatu Ga’eera
12, 13. Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaa maal gochuuf qophoofteetti?
12 Waaqayyo, jaarraa kanatti kallattiidhaan dhimma biyya lafaa keessa harkasaa galcheera. Akkuma birooshuurri kun Kutaa 9ffaarratti ibsutti, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa Kiristos jalatti bara 1914tti akka hundoofteefi yeroo ammaattis sirna Seexanaa guutummaatti hurreessuuf akka qophoofte raajiin Macaafa Qulqulluu ni argisiisa. Mootummittiin ‘diinota Kiristos gidduutti mo’uuf’ qophoofteetti.—Faarfannaa 110:2.
13 Kana ilaalchisee Daani’el 2:44 akkas jedha: “Bara mootota sanaatti [warra amma jiran] Waaqayyo inni waaqa irraa [waaqarratti] mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni [Mootummaan Waaqayyoo] mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”
14. Yeroo bulchiinsi namootaa badu, eebbiwwan argaman tokko tokko maal fa’i?
14 Bulchiinsi namoonni Waaqayyorraa adda ba’anii ittiin of bulchan hundi erga balleeffamee booda, Mootummaan Waaqayyoo biyya lafaa guutummaatti bulchiti. Mootummittiin samiirra taatee waan bulchituuf, namootaan hin mancaatu. Aangoo bulchiinsaa kana Waaqayyootu deebisee qabata. Bulchiinsi Waaqayyoo biyya lafaa guutummaatti waan to’atuuf, eenyuyyuu amantii sobaatiin, falaasamaafi yaada siyaasa namootaatiin hin gowwoomfamu. Yeroo sanatti wantoonni kun hundi hin jiraatan.—Maatewos 7:15-23; Mul’ata boqonnaa 17 hanga 19.
[Miiljalee]
a Seenaa Yesus guutummaatti baruu yoo barbaadde, kitaaba mata-duree Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu jedhuun bara 1991 Waldaa Masaraa Eegumsaatiin maxxanfame ilaali.
[Fakkii fuula 18]
Yesus yommuu lafarra turetti warra dhukkubsatan fayyisuufi namoota du’an kaasuudhaan adunyaa haaraa keessatti maal akka godhu argisiiseera
[Fakkii fuula 19]
Mootummaan Waaqayyoo mootummaa namoonni isheerraa adda ba’anii ittiin of bulchan hundaa hurreessitee balleessiti