Boqonnaa Kudha Ja’a
“Jaalala Ho’aa Waliif Qabaadhaa!”
1. Yeroo baay’ee namoota haaraa gara walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaa dhufan kan dinqisiisu maalidha?
NAMOONNI yeroo jalqabaatiif walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argaman jaalala achitti argan ni dinqisiifatu. Simannaan isaaniif godhamus ta’e walitti dhufeenyi obboloota gidduutti argan jaalala kana akka hubatan isaan gargaara. Namoonni walga’ii koonyaa keenyarratti argamanis jaalala kana ni argu. Walga’ii koonyaa tokko ilaalchisee gaazexessaan tokko akkas jedheera: ‘Namni qoricha sammuu namaa hadoochu fudhate ykn dhugaatii alkoolii dhuge ykn kan nama dhiibu, ykn kan nama darbatee darbu hin jiru. Namni nama abaaru ykn nama arrabsu hin jiru. Namni qoosaa ykn jecha gadhee dubbatu hin jiru. Namni tamboo xuuxu ykn kan hatu hin jiru. Namni bakka walga’ii sanatti xaasaa nyaanni ykn wanti dhugamu itti dhufe gatu hin jiru. Dhugumayyuu haallisaa wanta yeroo garabiraa arginurraa adda ture.’ Kun hundi jaalala isa “lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu” jedhu dhugaa ta’uusaatiif ragaadha.—1 Qorontos 13:4-8.
2. (a) Jaalalli keenya yeroodhaa gara yerootti maal ta’uu qaba? (b) Fakkeenya Kiristos hordofuudhaan jaalala akkamii qabaachuu qabna?
2 Jaalalli obbolummaa, Kiristiyaanonni dhugaan warra kam akka ta’an kan argisiisudha. (Yohannis 13:35) Karaa hafuuraa yeroo guddachaa adeemnu, caalaatti jaalala argisiisuu keenya itti fufna. Phaawulos jaalalli Kiristiyaanotaa “baay’isee itti caalaa akka adeemu” kadhateera. (Filiphisiiyus 1:9) Yohannisis jaalala faayidaa ofii aarsaa godhu qabaachuu akka qabnu ibseera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristos lubbuu isaa nuuf kennuu isaatiin jaalalli maal akka ta’e hubanneerra; egaa nus immoo lubbuu keenya obbolootaaf kennuun nuuf ta’a.” (1 Yohannis 3:16; Yohannis 15:12, 13) Nutihoo obboloota keenyaaf lubbuu keenya ni kenninaa? Yeroo baay’ee wanti kana akka goonu nu gaafatu jiraachuu baatullee, yeroo rakkisaa ta’etti dhimma keenya dhiisnee isaaniin gargaaruuf hangam carraaqqii goona?
3. (a) Jaalala keenya caalaatti argisiisuu kan dandeenyu karaa kamiini? (b) Yeroo ammaatti jaalala ho’aa waliif qabaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
3 Hojii fedha ofii aarsaa gochuu keenya argisiisu raawwachuu dabalatee, obboloota keenyaaf jaalala ho’aa qabaachuu nu barbaachisa. Sagaleen Waaqayyoo “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa” jechuudhaan nu gorsa. (Roomaa 12:10) Hundumti keenya namoota muraasaaf jaalala akkasii qabna ta’a. Haata’u malee, namoota kaanittis jaalala akkasii argisiisuu dandeenyaa? Guyyaan dhumaa kun yeroo dhihaachaa dhufu, yoomiyyuu caalaatti obboloota keenyatti dhihaachuu qabna. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Dhumni waan hundumaa dhi’aateera . . . Baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef, hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!”—1 Phexros 4:7, 8.
Yeroo Rakkoowwan Uumaman
4. (a) Obboloota gidduutti rakkinni uumamuu kan danda’u maaliifi? (b) Yeroo hundumaa gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun salphaa ta’uu baatus, gorsa kana hojiirra oolchuu keenyaan faayidaa akkamii argachuu dandeenya?
4 Namoota gonkummaa hin qabne waan taaneef, yeroon itti wanta warra kaan aarsu hojjennu jira. Obboloonni keenyas karaa adda addaatiin cubbuu nurratti hojjechuu danda’u. (1 Yohannis 1:8) Wanti kun yoo sirra ga’e maal gochuu qabda? Macaafni Qulqulluun qajeelfama barbaachisaa ta’e qabateera. Gorsi Macaafa Qulqulluu garuu fedhii namoonni cubbamoo ta’an qabanii wajjin tokko ta’uu dhiisuu danda’a. (Roomaa 7:21-23) Ta’uyyuu, gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuun keenya, Yihowaa gammachiisuuf fedhii cimaa akka qabnu kan argisiisudha. Kana malees, gorsi kun jaalala warra kaaniif qabnu nuu guddisuu danda’a.
5. Namni tokko yoo nu miidhe ijaa ba’uu kan hin qabne maaliifi?
5 Yeroo tokko tokko namoonni yeroo miidhaman, warra isaan miidhanirratti ijaa ba’uuf yaalii godhu. Kun rakkina dabalataa fida malee faayidaa hin qabu. Ijaa ba’uu Waaqayyoof dhiisuu qabna. (Fakkeenya 24:29; Roomaa 12:17-21) Warri kaanimmoo nama isaan aarserraa fagaachuuf yaalii godhu. Haata’u malee, Yihowaan waaqeffannaa keenya kan fudhatu obboloota keenya yoo jaallanne qofa waan ta’eef kana gochuu hin qabnu. (1 Yohannis 4:20) Kanaan kan ka’es Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waliif danda’aa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa; gooftaan akkuma isiniif dhiise, isinis immoo waliif dhiisaa!” (Qolosaayis 3:13) Atoo kana gochuu ni dandeessaa?
6. (a) Yeroo meeqa obboloota keenyaaf dhiifama gochuu qabna? (b) Cubbuu nurratti hojjetamuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaaru waa’ee ofii keenyaa maal hubachuu keenyadha?
6 Fakkeenyaaf namni tokko irra deddeebi’uudhaan nurratti cubbuu yoo hojjeteefi cubbuun sun garuu gumiidhaa kan isa baasisu yoo ta’uu baate maal gochuu qabna? Phexros namoota cubbuu xixiqqaa akkasii hojjetaniif “hamma si’a torbaatti” dhiifama gochuuf yaada dhiheessee ture. Haata’u malee Yesus: “Ani hamma si’a torbaatamii torbaatti malee, hamma si’a torbaatti siin hin jedhu” jedheera. Yesus, cubbuun namni tokko nurratti raawwatu cubbuu nuti Waaqayyorratti raawwannuu wajjin yeroo waliin ilaalamu, wayitti kan hin lakkaa’amne ta’uusaa ibseera. (Maatewos 18:21-35) Takka takka hojii ofittummaa argisiisuudhaan wanta jennu akkasumas wanta yaadnuun, ykn wanta gochuu qabnu gochuu dadhabuudhaan, cubbuu hojjechuu keenyallee utuu hin hubatin guyyaa hundumaa Waaqayyorratti cubbuu hojjenna. (Roomaa 3:23) Ta’us, Waaqayyo yeroo hundumaa oo’asaa nutti argisiisa. (Faarfannaa 103:10-14; 130:3, 4) Inni, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuunis oo’a akka argisiifnu nurraa barbaada. (Maatewos 6:14, 15; Efesoon 4:1-3) Kana yoo goone jaalala isa ‘waan hamaa namarratti hin lakkoofne’ argisiisaa jirra jechuudha.—1 Qorontos 13:4, 5; 1 Phexros 3:8, 9.
7. Obboleessi tokko nutti mufachuusaa yoo hubanne maal gochuu qabna?
7 Takka takka utuu nuti obboleessa keenyarratti hin mufatin, inni nutti mufachuusaa yeroon itti hubannu jira. Yeroo kanatti akkuma 1 Phexros 4:8rratti ibsametti, ‘jaalalaan rakkinni sun deebi’ee akka hin argamne’ gochuu dandeenya. Yookiin dursa fudhachuudhaan nama sana haasofsiisuufi walitti dhufeenya keenya cimsuuf carraaqqii gochuu dandeenya.—Maatewos 5:23, 24.
8. Obboleessi tokko wanta nu aarsu yoo raawwate maal gochuu dandeenya?
8 Obboleessi tokko siin qofa utuu hin ta’in wanta warra kaanis aarsu hojjeta ta’a. Yeroo kanatti obboleessa kana haasofsiisuun gaarii mitii? Tarii, dhuunfaatti balleessaa inni hojjete gaarummaadhaan isatti himuunkee bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a. Isa dura garuu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dhuguma namni kun wanta Macaafni Qulqulluun dhowwu hojjeteeraa? Rakkinni kun nu gidduutti kan uumame akkaataan guddinaa keenya garaa gara waan ta’eefidhaa?’ Seera mataakee baasuudhaan akka seera kanaatti namootatti akka hin faranne of eeggadhu. (Yaaqoob 4:11, 12) Yihowaan namoota akkaataa guddinaa adda addaa qaban hundumaa kan fudhate yeroo ta’u, hanga isaan karaa hafuuraa guddatanittis obsaan isaan qaba.
9. (a) Miseensi gumii cubbuu guddaa yoo hojjete dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qaban eenyufa’i? (b) Namni cubbuun irratti hojjetame nama sana bira dhaqee isa haasofsiisuu kan qabu yoomi? Kana yeroo godhuhoo kaayyoonsaa maal ta’uu qaba?
9 Namni miseensa gumii ta’e tokko cubbuu guddaa yoo raawwate dhimma kanaaf xiyyeeffannaa sirriin kennamuu qaba. Dhimma kana ilaaluu kan qaban eenyufa’i? Jaarsoliidha. (Yaaqoob 5:14, 15) Ta’us, namni tokko haala qarshii wajjin wal qabateen yoo nama gowwoomse ykn yoo nama arrabse, namni cubbuun irratti raawwatame sun nama sanatti dhihaachuudhaan waa’ee dhimma kanaa mari’achuuf carraaqqii gochuu qaba. (Maatewos 18:15) Karaa kanaan rakkina sana hiikuun hin danda’amne taanaan, akka Maatewos 18:16, 17rratti ibsametti wanti godhamuu qabu garabiraanis jira. Jaalalli nama dogoggora hojjeteef qabnuufi fedhiin nama kana ‘deebifachuuf’ qabnu, haala garaasaa tuquun akka isa mariisisnu nu kakaasa.—Fakkeenya 16:23.
10. Yeroo rakkinni uumamu, dhimma sanaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu kan nu gargaaru maalidha?
10 Rakkinni guddaanis ta’e xinnoon yeroo uumamu, Yihowaan rakkina sana akkamitti akka ilaalu hubachuun keenya nu gargaara. Yihowaan cubbuu kamiyyuu hin deggeru; yeroo inni murteessettis namoota cubbuu guddaa hojjetaniifi qalbii geddarachuu didan jaarmiyaasaa keessaa ni baasa. Haata’u malee, hundumti keenya wantoota xixiqqoo ta’anirratti cubbuu akka hojjennuufi obsaafi oo’asaa argachuun akka nu barbaachisu dagachuu hin qabnu. Kanaafuu, Yihowaan yeroo warri kaan cubbuu nurratti hojjetan maal gochuu akka qabnu fakkeenya nuu kaa’eera. Oo’a qabeessa yoo taane, jaalalasaa calaqqisaa jirra jechuudha.—Efesoon 5:1, 2.
Karaa Itti Jaalalakee ‘Babl’iftu’ Barbaadi
11. Phaawulos namoonni gumii Qorontos maal gochuudhaan akka ‘bal’atan’ isaan jajjabeesse?
11 Phaawulos gumii Qorontos isa biyya Giriikii ture jajjabeessuuf ji’oota hedduu achitti dabarseera. Obboloota achitti argaman gargaaruuf ciminaan hojjeteera. Isaaniinis ni jaallata ture. Haata’u malee, obboloonni tokko tokko jaalala ho’aa waan isaaf hin qabneef isa ceepha’u turan. Kanaan kan ka’es, jaalala argisiisuutti ‘bal’adhaa’ jechuudhaan isaanitti himeera. (2 Qorontos 6:11-13; 12:15) Hundumti keenya, hammam warra kaaniif jaalala argisiisaa akka jirru gamaaggamuufi karaawwan jaalala kana itti bal’isuu dandeenyu barbaachuun keenya gaariidha.—1 Yohannis 3:14.
12. Jaalala obboloota gumii keessa jiran hundaatiif qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Gumii keessatti namni itti dhihaachuun nutti ulfaatu jiraa? Nutis akkuma isaanirraa eegnu, garaa garummaa nu gidduu jiru ilaaluu dhiisuun keenya walitti dhufeenya qabnu nuu cimsuu danda’a. Kana malees, amala gaarii isaan qaban ilaaluufi amalasaanii kanarratti xiyyeeffachuun keenya jaalala isaaniif qabnu nuu cimsa. Kunimmoo jaalalli isaaniif qabnu akka guddatu godha.—Luqaas 6:32, 33, 36.
13. Jaalala obboloota gumii keessatti argamaniif qabnu bal’isuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Dhugaasaa dubbachuuf, wanti warra kaaniif gochuu dandeenyu xinnoodha. Namoota walga’iirratti argaman hundaa nagaa gaafachuu hin dandeenyu ta’a. Michoota keenya yeroo nyaata afeerrus namoota hundumaa waamuu hin dandeenyu ta’a. Haata’u malee, nama gumii keenyatti argamu tokkoo wajjin akka gaariitti wal baruudhaaf daqiiqaa muraasa ramaduudhaan jaalala keenya bal’isuu dandeenyaa? Darbee darbee obboleessa akka gaariitti hin beekne tokkoo wajjin tajaajilarratti hirmaachuuf isa afeeruu dandeenyaa?
14. Obboloota kanaan dura arginee hin beeknee wajjin yeroo taanu, jaalala ho’aa waliif argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Walga’iiwwan gurguddaan jaalala keenya bal’isuuf carraa nuu banu. Walga’ii kanarratti kan argaman namoota kumaan lakkaa’aman waan ta’aniif hundasaanii dubbisuun kan hin danda’amne yoo ta’ellee, ofii keenya caalaatti nageenyasaaniitiif akka yaannu amala keenyaan argisiisuu dandeenya. Yeroo boqonnaatti, namoota nu bira taa’an dubbisuuf dursa fudhachuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisuu dandeenya. Namoonni lafarratti argaman hundi guyyaa tokko waaqeffannaa Abbaa wanta hundumaa kan ta’e Waaqa isa dhugaatiin tokko ta’uudhaan yeroo isaan obboloota itti waliif ta’an ni dhufa. Yeroo sanatti akka gaariitti wal baruun baay’ee kan nama gammachiisu ta’a! Jaalalli ho’aan kana akka goonu nu kakaasa. Maarree ammumaa kana gochuu maaliif hin jalqabdu?
Maree Irra Deebii
• Rakkinni Kiristiyaanota gidduutti uumamu akkamitti hiikamuu qaba? Maaliif?
• Karaa hafuuraa yeroo guddachaa adeemnu jaalalli keenya karaa kamiin guddachuu qaba?
• Hiriyoota keenyaan alatti warra kaaniifis jaalala ho’aa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
[Fakkii fuula 148rra jiru]
Walga’iin gumii bakka jaalalli itti argisiifamu hedduu keessaa isa tokkodha