Xiyyeeffannaa Kennuusaaniitiin Lubbuusaanii Oolchaniiru
YESUS KRISTOS, dhuma sirna wantootaa Yihudii isa mana qulqullummaa Yerusaalem giddu galeessa godhatee ilaalchisee, dursee akeekkachiiseera. Guyyaan itti raawwatamu yoom akka ta’e garuu hin dubbanne. Haata’u malee, wantoonni badiisatti isaan geessan maal akka ta’an dubbatera. Dammaqinaan akka eeggatanii naannoo balaa sana gadhiisanii akka ba’an bartootasaa akeekkachiisee ture.
Yesus akkas jechuudhaan raajessee ture: “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhihaate beekaa.” Itti dabalees: “Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa’aa xureessu sun, ... iddoo qulqullaa’aa dhaabatee arguuf jirtu, ... Yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.” Yesus bartoonnisaa qabeenyasaanii oolchuuf duubatti akka hin deebine itti himeera. Lubbuusaanii oolfachuu yoo barbaadan, baqachuunsaanii ariifachiisaa ture.—Luqaas 21:20, 21; Maatewos 24:15, 16.
Waraanni Roomaa, Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu, mormii Yihudootaa waggaa dheeraadhaaf ture hambisuuf jecha, bara 66 dhaloota Kristos booda, Yerusaalemiin weerare. Gara magaalattii seenee waan ishee marseef, magaalattiin jeequmsaan guutamte. Namoonni dammaqinaan eegan badiisichi waan hin hafne ta’uusaa arguu danda’aniiru. Haata’u malee, baqachuun ni danda’amaa laata? Akkuma tasaa, waraanni Seestiyas Gaalasiin geggeeffamu yeroo duubatti deebi’u, gareen waraanaa Yihudootaa isaan ari’e. Yerusaalemiifi Yihudaa keessaa baqachuuf yeroonsaa amma ture.
Waggaa isa itti aanutti, waraanni Roomaa, Vaspeeziyaaniiniifi ilmasaa Tiitoodhaan geggeeffamu deebi’ee dhufe. Guutummaan biyyattii waraanaan jeeqamtee turte. Jalqaba bara70 dhaloota Kristos booda, warri Roomaa magaalattiitti darbii waan ijaaraniif, karaan itti baqatan hin jiru ture. (Luqaas 19:43, 44) Namoonni Yerusaalem keessa turan walfixuutti ka’an. Namoota hafan keessaa kaan, warra Roomaatiin ajjeefamaniiru; kaanimmoo booji’amaniiru. Magaalattiiniifi manni qulqullummaashee guutummaatti balleeffamaniiru. Jaarraa jalqabaatti barreessaa seenaa kan ture, namni Yihudii Jooseefas akka jedhetti, Yihudoonni miiliyoona tokkoo ol ta’an gidiraa guddaa arguudhaan du’aniiru. Sanaan booddee manni qulqullummaa lammata hin ijaaramne.
Kristiyaanonni dhaloota Kristos booda bara 70tti Yerusaalem keessa utuu turaniiru ta’e, isaanis akkuma namoota achi turanitti ni ajjeefamu, ykn garboota ta’u turan. Haata’u malee, barreessitoonni seenaa warri durii, Kristiyaanonni akeekkachiisa kennameef fudhachuudhaan, Yerusaalemiifi Yihudaa keessaa gara gaarota baha Laga Yordaanositti baqachuusaanii gabaasaniiru. Isaan keessaa tokko tokko, kutaa biyya Firgiyaatti kan argamtu biyya Piilaa dhaqanii jiraachuu jalqaban. Yihudaa gadhiisanii bahanii achumaan hafan. Akeekkachiisa Yesusiif xiyyeeffannaa laachuunsaanii, lubbuusaanii oolcheeraaf.
Akeekkachiisa Madda Amanamaarraa Dhufe Ni Fudhattaa?
Namoonni baay’een, balaa kanaan dura uumamee hin beekne ilaalchisee akeekkachiisni ennaa kennamu, akeekkachiisa hundaa akka salphaatti ilaalu. Haata’u malee, akeekkachiisa fudhachuun lubbuu kee ni oolcha.
Bara 1975, Chaayinaa keessatti, sochiin lafaa akka uumamu akeekkachiisni kennamee ture. Namoonni aangoo qaban tarkaanfii fudhatanii turan. Jiraattonnis akeekkachiisa kenname waan fudhataniif, lubbuuwwan kumaatamaan lakkaa’aman ooluu danda’aniiru.
Ebla 1991 Filippiinsi keessatti, jiraattonni mandara Tulluu Pinaatuuboo jala jiraatan, tullicha keessaa daaraaniifi aarri akka yaa’aa jiru gabaasamee ture. Ji’a lamaaf callisanii erga eeganii booda, Filippiins keessatti qaamni dhimmi kun ilaalu balaan ga’uunsaa akka hin oolle akeekkachiise. Yeruma sana, namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman naannoo sana gadhiisanii ba’an. Waxabajjii15 kaasee, daaraan kuubiikii k.m 8 ol dheeratu gaaricha keessaa ba’ee, naannoo namoonni jiraatanitti gadi rooba ture. Akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kennuun lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa’amanii oolcheera.
Macaafni Qulqulluun waa’ee sirna dhuma wantootaa kanaa akeekkachiisa kenna. Amma kan jiraannu guyyoota dhumaa keessa. Guyyaan dhumaa dhihaachaa yeroo deemu kanatti, dammaqinaan jiraachaa jirtaa? Naannoo balaan ga’urraa fagaachuuf tarkaanfii fudhachaa jirtaa? Warri kaanis akkasuma akka godhan, miira ariifannaatiin akeekkachiisaa jirtaa?
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Akeekkachiisa kennameef xiyyeeffannaa laachuun, yommuu gaarri Pinaatuuboo daaraafi aara ol darbatu lubbuun namoota hedduu akka oolu godheera
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Kristiyaanonni akeekkachiisa Yesus kenne fudhachuunsaanii, bara 70dhaloota Kristos booda Yerusaalem yommuu baddetti lubbuunsaanii akka oolu godheera