LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kp ful. 22-23
  • “Utuu Hin Beekin” Hafan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Utuu Hin Beekin” Hafan
  • Dammaqinaan Eegaa!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akeekkachiisa Waaqayyo Kenneef Deebii kan Laattu Akkamitti?
  • Haati Manaa Loox Gara Duubaa Ilaalte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dammaqinaan Eegaa!
kp ful. 22-23

“Utuu Hin Beekin” Hafan

AKEEKKACHIISA kenname tuffachuun badiisa geessisuu danda’a.

Bara 1974, magaalaa Austiraaliyaa kan taate Daarwiinitti, hobomboleettiin dhufuusaa yeroo sagaleen akeekkachiisaa dhaga’ametti, jiraattonni magaalattii ayyaana waggaa kabajuuf qopheerra turan. Haata’u malee, Daarwiin waggoota 30aaf balaan akkasii irra ga’ee waan hin beekneef amma ni dhufa jedhanii akkamiin yaaduree? Jiraattonni magaalattii baay’eensaanii, hobomboleettichi dhufee baaxiifi keenyaan manneen namoonni keessa guutanii turan hamma diigutti, balaan akkasii dhufuusaa dhugaa hin seene. Borumtaa sanatti, magaalattiin diigamtee turte.

Burkaanni, Sadaasa 1985 Kolombiyaa keessatti dhooyee, cabbii gaaricharra ture baqsee lolaa uumuudhaan, jiraattota magaalaa Armeeroo 20,000 ol ta’an awwaale. Akeekkachiisni dursee hin kennamne turee? Gaarichi ji’oottan baay’eedhaaf socho’aa tureera. Haata’u malee, biyyattiitti dho’insi lafaa haaraa waan hin turreef, jiraattonni magaalattii hedduun hin yaaddofne. Abbootiin taayitaa, badiisni dhufuusaa ilaalchisee akeekkachiisa kenname haadhaga’aniyyuu malee, jiraattota magaalattii akeekkachiisuuf tarkaanfiin fudhatan baay’ee xiqqoo ture. Namoonni akka hin sodaanne jajjabeessuuf raadiyoodhaan beeksisni himamee ture. Manneen sagadaas meeshaa sagalee guddisuun gargaaramanii namoonni tasgabbiidhaan akka jiraatan jajjabeessu turan. Galgala sanatti, dhooyinsi nama jeequ lama ni dhaga’ame. Ati utuu achi jirta ta’ee, qabeenya kee dhiistee baqatta turtee? Namoonni muraasni qabeenyasaanii sassaabbachuuf utuu yaalii godhanii lubbuusaanii dhabaniiru.

Yeroo baay’ee, ogeeyyonni waa’ee lafaa qoratan, iddoo kamitti socho’inni lafaa akka uumamu dursanii himuu danda’u; garuu yeroo kamitti akka uumamu sirriitti tilmaamuu hin danda’an. Bara 1999, socho’inni lafaa lubbuu namoota 20,000 ta’anii galaafateera. Warra du’an keessaa baay’eensaanii wanti akkasii tasumaa akka isaanirra hin geenyeetti yaadu turan.

Akeekkachiisa Waaqayyo Kenneef Deebii kan Laattu Akkamitti?

Macaafni Qulqulluun waggoota dheeraa dura, mallattoowwan guyyoota dhumaa adda baasanii beeksisan ibseera. Kanaan walqabsiisuudhaanis, waan “bara Nohitti” ta’e akka hubannu nutti hima. “Bara sana bishaan badiisaa dura,” namoonni, hammeenyi babal’achuunsaa kan isaan yaaddessu ta’uyyuu, sochii jireenyaatiin qabamanii turan. Waaqayyo, Nohi garbichasaatiin gargaaramee ennaa isaan akeekkachiisu, “hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan” ibsameera. (Maatewos 24:​37-​39) Utuu akeekkachiisni sun siif kennamee ni fudhatta turtee? Ammahoo fudhachaa jirtaa?

Bara Loox, ilma obboleessa Abrahaamitti biyya Sodoom naannoo Galaana Soogiddaa keessa utuu jiraattee turteehoo? Baadiyyaanshee jannata fakkaata ture. Magaalaanshees badhaatuu turte. Jiraattonnishee, wanti isaan dhiphisu akka hin jirretti itti dhaga’ama ture. Bara Looxitti, “namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.” Hawaasicha keessatti amalli addaggummaa babal’atee ture. Loox waa’ee gocha sirrii hin taane kanaa utuu sitti himee ni qalbeeffatta turtee? Waaqayyo magaalaa Sodoom balleessuuf akka murteesse Loox ennaa sitti himu ni dhaggeeffatta turte? Moo, akka soddoonnisaa warri ijoolleesaa fuudhuuf turan godhan, atis akka qoosaatti ilaalta turte? Tariimmoo baqachuu jalqabdee, akka haadha manaa Loox duubatti deebita turtee laata? Warri kaan akeekkachiisa kenname fudhachuu baataniyyuu, guyyaa Loox Sodoomii ba’etti, “ibiddii fi dhagaan boba’u waaqa irraa isaanitti roobee hunduma isaanii fixe.”​—Luqaas 17:​28, 29.

Namoonni yeroo har’aa jiran hedduun akeekkachiisa kennamuuf xiyyeeffannaa hin kennan. Haata’u malee, fakkeenyiwwan akkasii kun, akeekkachiisa akka nuuf ta’an, akkasumas DAMMAQINAAN AKKA EEGGANNU nujajjabeessuuf Sagalee Waaqayyoo keessatti galmaa’aniiru.

[Saanduqa/Fakkii fuula 22rra jiru]

Dhugumaan Bishaan Badiisaa Ga’ee Turee?

Mormitoonni Macaafa Qulqulluu hedduun, badiisni ga’ee hin turre jedhu. Macaafni Qulqulluun garuu, ga’ee akka ture dubbata.

Yesus Kristos iyyuu waa’eesaa dubbatee ture; yeroo bishaan badiisaa ga’u samiirra taa’ee ni ilaala ture.

[Saanduqa/Fakkii fuula 23rra jiru]

Dhugumaan Sodoomiifi Gomoraan Badaniiruu?

Qorannaan dachee, wanti kun dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera.

Seenaan sabootaas waa’ee kanaa ni dubbata.

Yesus Kristosis, haalli kun dhugaa ta’uusaa kan mirkaneesse yeroo ta’u, wantoonni kunis, kutaa Macaafa Qulqulluu keessatti bakka 14⁠tti caqasamaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi