Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 31—Obaadiyaa
Barreessaan: Obaadiyaa
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 607
CAAFFATA QULQULLAA’AA afaan Ibrootaatiin barreeffaman keessaa baay’ee gabaabaa kan ta’e Macaafni Obaadiyaa lakkoofsa 21 keessatti qofa firdii Yihowaa isa badiisa saba tokkoof sababii ta’eefi injifannoo Mootummaan Waaqayyoo argatu ibseera. Macaafichi yaada gabaabaa: “Mul’anni Waaqayyo gooftaan waa’ee biyya Edoomiif Obaadiyaatti mul’ise kanatti fufee jira” jedhuun jalqaba. Obaadiyaan yoomiifi eessatti akka dhalate, gosa eenyuu akka ta’e, akkasumas jireenyisaa maal akka fakkaatu wanti ibsame hin jiru. Innumtiyyuu, “Waaqayyo irraa dhageenyeerra” jedhee waan dubbateef, wanti barbaachisaa ta’e ergaasaa malee eenyummaa raajichaa miti.
2 Ergaan kun caalaatti kan xiyyeeffatu Edoomirrattidha. Biyyi Edoom inni fuullee Arabaayi kibba Galaana Soogidaatiin argamu, Tulluu Se’iir jedhamees kan beekamu yommuu ta’u, tulloota dhedheeroo, lafa bowwaafi bu’aa ba’iin itti baay’atudha. Naannoowwan tokko tokkotti, tulloonni karaa baha Arabaayitti toora galanii argaman hanga meetira 1,700 dheeratu. Saboonni koonyaa Temaanitti argaman ogeessotaafi gootota ta’uusaaniitiin beekamu turan. Akkaataan taa’umsa lafa Edoom weerara diinotaatiif mijaa’aa waan hin taaneef, jiraattonni biyyattii da’oo uumamaa kanatti amanamuudhaan akka boonan isaan taasiseera.a
3 Edoomonni sanyii Esaawu isa obboleessa Yaaqoob turedha. Maqaan Yaaqoob Israa’elitti waan geddarameefi Edoomonni Israa’elootaaf fira dhihoo waan turaniif akka ‘obbolaatti’ wal ilaalu turan. (Kes. 23:7) Ta’us, wanti Edoomonni raawwatan kan isaanirraa eegamu hin turre. Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti utuu hin galin yeroo muraasa dura, Museen biyyasaanii keessa nagaadhaan akka darban akka isaaniif heyyamuuf namoota gara mootii Edoomitti erge. Edoomonni garuu diinummaa itti argisiisuusaaniirrayyuu, kana gochuun fedhasaanii akka hin taane mul’isuufis akka lola isaanirratti kaasan ibsuudhaan isaan mormaniiru. (Lak. 20:14-21) Daawit Edoomota injifachuudhaan isaan bituyyuu, yeroo booda bara Yoshaafaaxitti Amoonotaafi Mo’aabotaa wajjin walta’iinsa uumuudhaan Yihudaarratti waraana bananiiru. Ilma Yoshaafaax, Yoraam mooticharratti ka’uudhaan Israa’eloota Gaazaafi Xiiros keessaa booji’aman fudhataniiru. Bara Ahaaz mootichaattimmoo Yihudaa weeraranii Israa’eloota hedduu booji’aniiru.—2 Sen. 20:1, 2, 22, 23; 2 Mot. 8:20-22; Amo. 1:6, 9; 2 Sen. 28:17.
4 Diinummaan kun, Dh.K.D. bara 607tti yommuu Yerusaalem waraana warra Baabiloniin balleeffamte sadarkaa olaanaarra ga’ee ture. Edoomonni badiisa kanatti gammaduusaaniirrayyuu, weerartoonni kun Yerusaalemiin guutummaatti akka balleessan jajjabeessaniiru. “Diigaa, hamma hundee isheetiitti diigaa!” jedhanii turan. (Far. 137:7) Yommuu weerartoonni mi’a saaman hirachuuf muka buufatan, Edoomonnis kanarratti hirmaataniiru; Yihudoota biyyicha keessaa baqatanii ba’uu barbaadan karaarratti eeganii qabuudhaan diinotasaaniitti dabarsanii kennaniiru. Hojii balfamaan yommuu Yerusaalem balleeffamte raawwatan kun, Obaadiyaan isaan balaaleffatee akka barreessu isa godheera; macaafa kana kan barreesse gochi ciiggaasisaan isaan raawwatan utuu sammuusaa keessaa hin badin akka ta’e homaa hin shakkisiisu. (Oba. 11, 14) Edoomis, Yerusaalem balleeffamtee waggaa shan booda Nebukadnezaariin weeraramtee waan saamamteef, Obaadiyaan macaafasaa kan barreesse wanti kun utuu hin raawwatamin dura ta’uu qaba; kanaaf, macaafni kun Dh.K.D. bara 607tti barreeffame jedhamee yaadama.
5 Raajii Obaadiyaan Edoomirratti dubbate hundi raawwatameera! Raajichi xumurasaarratti Waaqayyo, “‘Sanyii Esaawuu isa akka habaqii gubanii in fixu; sanyii Esaawuu keessaa kan oolu tokko illee hin jiru’ jedhee dubbateera.” (Oba.Lak. 18) Edoom humna billaatiin jiraatee, billaadhaan balleeffameera; sanyiinsaas guutummaatti balleeffamaniiru. Kanaaf, Macaafni Obaadiyaa sirriifi dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Raajiin Obaadiyaa, ragaawwan dhugaa ta’uusaa argisiisan hedduu qaba: Raajiisaa kan dubbate maqaa Yihowaatiinidha; raajii inni dubbates Yihowaadhaaf ulfina kan argamsiise yommuu ta’u, akka seenaadhaan mirkaneeffamettis raajiinsaa raawwii argateera. Hiikni maqaasaas, “Tajaajilaa Yihowaa” jedhamee waamamuunsaa sirriidha.
FAAYIDAASAA
10 Raajiin Yihowaan Edoomirratti dubbate mamii tokko malee akka raawwatamu mirkaneessuuf raajonni kaanis ergaa wal fakkaatu akka dubbatan godheera. Raajiiwwan kana keessaas baay’ee beekamoofi kan akka fakkeenyaatti eeraman Yo’el 3:19; Amos 1:11, 12; Isaayaas 34:5-7; Ermiyaas 49:7-22; Hisqi’el 25:12-14fi His. 35:2-15rratti argamu. Raajiiwwan waggoota dura turan ilaalchisanii dubbataman gocha diinummaa bara durii kan argisiisanidha; raajiiwwan waggoota gara duubaatti Edoomiin balaaleffachuudhaan dubbatamanimmoo, akkuma Obaadiyaan ibse yakka warri Baabilon yommuu Yerusaalemiin weeraran raawwataniifi matumaa dhiifama gochuun hin danda’amne kan argisiisanidha. Badiisni raajiidhaan dubbatame akkamitti akka Edoomirratti raawwatame qoruun keenya, dandeettii Yihowaan raajii dubbachuuf qaburratti amantaa qabnu nuu jabeessa. Akkasumas Yihowaan, Waaqa yeroo hundaa wanta dubbate raawwachuudhaan kaayyoosaa galmaan ga’u ta’uusaa guutummaatti akka amannu nu gargaara.—Isa. 46:9-11.
11 ‘Warri ishee wajjin kakuu galaniifi warri isheen amanattu’ Edoomirratti ka’anii akka ishee mo’an Obaadiyaan raajii dubbatee ture. (Oba. 7, 1899) Walta’iinsi Edoom Baabilonii wajjin uumte baay’ee hin turre. Dh.K.D. jaarraa ja’affaatti, waraanni Baabilon inni Naabooniidasiin geggeeffamu Edoomiin injifateera.b Naabooniidas biyyattii erga weeraree waggaa tokko boodallee, Edoomonni deebi’anii ka’uuf tattaaffachaa turan. Miikiyaas 1:4 kana ilaalchisee akkas jedha: “Sanyiin Esaawuu Edoomonni, ‘Mandaroonni keenya caccabanii turan, amma garuu warra diigaman sana deebifnee in ijaarra! in jedhu;’ garuu Waaqayyo gooftaan maccaa, ‘Isaan illee in ijaaru, ani garuu nan diiga.’” Edoom deebi’ee of ijaaruuf yaalii guddaa godhus, Dh.K.D. jaarraa arfaffaatti Naabaatiyaanotaan laftisaa guutummaatti qabamee ture. Edoomonni biyyasaanii keessaa darbatamanii baafamuudhaan, lafa Yihudaa isa karaa kibbaa argamuufi Edoomiyaa jedhamee moggaafame keessa jiraachuu jalqaban. Tulluu Se’iir deebisanii qabachuun garuu matumaa isaaniif hin mijoofne.
12 Akka Joseefas ibsetti, Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti mootiin warra Yihudootaa Joon Hirkaanas 1ffaan, Edoomota warra hafan injifachuudhaan erga to’atee booda, dirqamaan akka dhagna qabatan godhe; yeroo boodammoo bulchiinsa Yihudootaa jala galuudhaan bulchaa Yihudii jalatti buluu jalqaban. Dh.K.B. bara 70tti warri Roomaa yommuu Yerusaalemiin balleessan maqaan Edoomotaa seenaa keessaa haqameera.c Raajii Obaadiyaan: “Bara baraanis in badda. . . . Sanyii Esaawuu keessaa kan oolu tokko illee hin jiru” jechuudhaan dubbate sirriitti raawwiisaa argateera.—Oba. 10, 18.
13 Yihudoonni garuu akka warra Edoomotaa badanii hin hafne. Qajeelfama Zarubaabel bulchaan biyyaa isaanii kenneen Dh.K.D. bara 537tti gara biyyasaaniitti deebi’anii Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa ijaarrachuudhaan biyyasaanii keessa jiraachuu jalqabaniiru.
14 Koorriifi of tuuluun kufaatii akka geessisu kanarraa hubachuun ni danda’ama! Namoonni kooraan ol ol of qabaniifi dhiphina tajaajiltoota Waaqayyoorra ga’utti gammadan hundi, wanta Edoomirra ga’e qalbeeffachuudhaan of eeggannoo gochuu qabu. Akkuma Obaadiyaan jedhe, “mootummaan kan Waaqayyoo” ta’uusaa amananii fudhachuu qabu. Warri Yihowaafi sabasaa wajjin wal lolan hundi bara baraaf balleeffamu; Mootummaafi bulchiinsi Yihowaa inni humna guddaa qabu garuu bara baraaf jabaatee dhaabata!—Oba. Lak. 21.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 679.
b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 682.
c Juwish Antiikuwiitiis, 13, 257, 258 (9, 1); 15, 253, 254 (7, 9).