LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi07 ful. 17-19
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 32—Yoonaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 32—Yoonaas
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 15
bsi07 ful. 17-19

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 32​—Yoonaas

Barreessaan: Yoonaas

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 844

YOONAAS, Dh.K.D. jaarraa salgaffaatti nama hojii misiyoonummaatiin biyya ormaatti tajaajiledha! Hojii Yihowaan isaaf kenne kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture? Kunoo muuxannoo akkamii akka argatu carraa isaaf bane? Namoonni biyya inni itti ramadame turan akeekkachiisa kana hojiirra oolchaniiruu? Lallabnisaa hangam bu’a-qabeessa ture? Macaafni Yoonaas inni seenaa dinqisiisaa qabate gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna. Macaafni kun kan barreeffame yeroo sabni Yihowaa kakuusaa cabsanii gara waaqeffannaa waaqolii tolfamootti deebi’anitti yommuu ta’u, raajiin kunis oo’a Waaqayyoo kan argatu saba tokko jechuunis Israa’el qofa akka hin taane kan argisiisu ture. Kana malees, macaafichi oo’aafi gaarummaa Yihowaatiif bakka guddaa kennuusaarrayyuu, oo’a, obsaafi amantaa qabaachuun namoota gonkummaa hin qabne hangam akka rakkisu kan ibsudha.

2 Maqaan Yoonaas jedhu (afaan Ibrootaatiin, Yoohnaah) hiiknisaa “Gugee” jechuudha. Yoonaas ilma Amiitaayi yommuu ta’u, abbaansaas Gaat-Hefer ishee naannoo Zebuloon keessaa biyya Galiilaatti argamtutti raajii ture. 2 Mootota 14:23-25⁠rratti Yerobi’aam mootiin Israa’el akkuma Yihowaan karaa Yoonaas raajii dubbate daarii saba sanaa bal’isuusaa dubbisna. Yoonaas, raajii dubbachaa kan ture yeroo Yerobi’aam 2⁠ffaan mootii Israa’el ture jechuunis Dh.K.D naannoo bara 844⁠tti yommuu ta’u, kunis magaalaa guddittii Asor kan turte Nanawween Israa’eliin bulchuu utuu hin jalqabin waggaa dheeraa dura ture jechuudha.

3 Macaafni Yoonaas guutummaatti sirrii ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu. ‘Yesus inni amantii keenya jalqabee fiixaan baasu,’ Yoonaas nama lafarra ture ta’uusaafi wanta bara Yoonaasitti raawwatame lama caqasee hiikasaa dubbachuudhaan macaafichi raajii sirrii ta’uusaa ibseera. (Ibr. 12:2; Mat. 12:39-41; 16:4; Luq. 11:29-32) Yihudoonni Macaafa Yoonaas kutaa Caaffata Qulqullaa’aa keessaa akka isa tokkootti kan ilaalan ta’uusaaniirrayyuu, akka kitaaba seenaatti ilaalu. Yoonaas dogoggoraafi dadhabinasaa ifatti barreessuunsaa macaafnisaa sirrii ta’uusaa argisiisa.

4 ‘Qurxummii guddaan’ Yoonaasiin liqimse qurxummii akkamiiti? Qurxummiin kun kan akkamii ta’uu akka danda’u yaanni baay’een kennamaa tureera. Qurxummiin isparm weeliifi gireet waayit shaark jedhaman nama tokko guutummaatti liqimsuu danda’u. Macaafni Qulqulluun garuu gabaabaadhumatti: “Waaqayyo yeroo sanatti, qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasin akka liqimsu godhe” jedha. (Yoonaas 2:1) Qurxummichi kan akkamii akka ta’e hin ibsamne. Qurxummiin kun isparm weel, gireet waayit shaark ykn uumama bishaan keessa jiraatu tokko ta’uusaa beekuun hin danda’amu.a Macaafni Qulqulluun ‘qurxummii guddaa’ jedhee dubbachuunsaa ga’aadha.

FAAYIDAASAA

9 Gochisaafi wanti Yoonaasirra ga’e akeekkachiisa nuu ta’a. Yoonaas hojii Waaqayyo isaaf kennerraa baqatee adeemuu mannaa, hojii kana hojjechuufi Waaqayyotti amanuudhaan ulfina isaaf kennuu qaba ture. (Yon. 1:3; Luq. 9:62; Fak. 14:26; Isa. 6:8) Karaa sirrii hin taanerra yommuu adeeme, namoota isaa wajjin markabicha keessa turanitti “Waaqayyoon isa gooftaa ta’ee waaqa irra jiraatu” akka waaqeffatu jalqaba utuu hin beeksisin hafuusaatiin yaada sirrii akka hin qabne argisiiseera. Kana gochuuf sodaatee ture. (Yon. 1:7-9; Efe. 6:19, 20) Yoonaas ofittoo ta’uusaatti oo’a Yihowaan namoota Nanawweetti argisiiseen qaana’eera; Yihowaan jalqabumaa bu’aansaa maal akka ta’u utuu beekuu raajii godhee isa erguunsaa sirrii akka hin taane ibsuudhaan, wanti inni godhe sirrii ta’uusaa ibsuuf yaalii godheera. Yihowaadhaaf ulfina kennuu diduufi guungumuusaatti adabni isaaf kennameera; kanaaf oo’a Yihowaan argisiisurratti ykn karaa inni wantoota tokko tokko itti hojjeturratti dogoggora barbaaduurraa fagaachuudhaan muuxannoo Yoonaasirraa barumsa arganna.—Yon. 4:1-4, 7-9; Filp. 2:13, 14; 1 Qor. 10:10.

10 Wantoota Macaafa Yoonaas keessatti ibsaman keessaa inni guddaan, amalawwan Yihowaa warra gurguddaa jechuunis gaarummaafi oo’asaati. Yihowaan badiisa isaanitti dhufurraa ooluu akka danda’aniif raajiinsaa dhaqee namoota Nanawwee akka akeekkachiisu gochuunsaa gaarummaasaa kan argisiisudha; yeroo namoonni magaalattii yaada garaa geddaratanittis oo’a isaanitti argisiiseera. Yihowaan Nanawweetti oo’a akkasii waan argisiiseef Dh.K.D. bara 632⁠tti warra Medooniifi Baabiloniin baduushee dura waggoota 200 ol ta’aniif turuu dandeesseetti. Yihowaan bubbee humna-qabeessa galaanicharratti ka’erraa isa oolchuufi aduu isa guburraa akka ooluuf biqiltuu akka qobboo isaaf qopheessee, “dallansuu isaa akka itti fooyyeessuuf” Yoonaasiin gargaaruudhaan oo’asaa itti argisiiseera. Wanta isa eegu isaaf qopheessuufi utuu baay’ee hin turinis gaaddisa sana balleessuudhaan Yoonaas Yihowaan akka fedhasaatti oo’aafi gaarummaasaa argisiisuu akka danda’u isa hubachiiseera.—Yon. 1:2; 3:2-4, 10; 2:10; 4:6, 10, 11.

11 Maatewos 12:38-41⁠rratti Yesus namoota geggeessitoota amantii ta’aniin milikkinni isaanii kennamu “milikkita Yoonaas” qofa ta’uusaa dubbateera. Yoonaas, guyyaa sadiifi halkan sadii “garaa iddoo lafa jalaa keessa” erga turee booda warra Nanawweetiif lallabe; kanaanis namoota Nanawweetiif “milikkita” ta’eera. (Yon. 2:1; 2:3; 3:1-4) Haaluma wal fakkaatuun Yesusis guyyaa sadiif awwaalcha keessa erga turee booda du’aa ka’eera. Bartoonnisaa wanta ta’e sana ragaa dhiheessuudhaan yommuu lallaban Yesus dhaloota sanaaf “milikkita” ta’eera. Wanta Yesusirratti raawwatame akkaataa Yihudoonni guyyoota itti lakkaa’anii wajjin wal bira qabuudhaan yeroon guyyoota guutuu sadii gad ta’an kun “guyyaa sadii fi halkan sadii” jedhamanii waamamuu ni danda’u.b

12 Yesus itti dabaluudhaanis namoota Nanawwee warra qalbii geddarataniifi Yihudoota yeroo inni tajaajilaa turetti mataa jabaatanii ergaa sana fudhachuu didanii wal bira qabuudhaan akkas jedheera: “Namoonni Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si’anaa wajjin ka’anii in dhi’aatu, ittis in farachiisu. Isaanis lallaba Yoonaas raajichaa dhaga’anii, yaada garaa isaanii geddarataniiru; amma garuu kunoo, Yoonaas irra kan caalu as jira.” (Dabalataanis Maatewos 16:4⁠fi Luqaas 11:30, 32 ilaali.) Yesus, “Yoonaas irra kan caalu” jechuunsaa maal jechuusaati? Inni raajota hundumaarra kan caalu ta’uusaarrayyuu, Yihowaan “Mootummaan waaqaa waan dhi’aateef, yaada garaa keessanii geddaradhaa!” jedhee akka lallabu isa ergee ture. (Mat. 4:17) Haata’u malee, Yihudoonni bara sanatti turan hedduun ‘milikkita Yoonaas’ fudhachuu didaniiru. Har’ahoo haallisaa maal fakkaata? Namoonni hedduun akeekkachiisa Yihowaan kennu kan hin fudhanne ta’aniyyuu, addunyaa maratti namoonni kuma hedduudhaan lakkaa’aman misiraachoo Mootummichaa isa yeroo jalqabaatiif Yesus inni ‘ilma namaa’ jedhame lallabe dhaga’uuf carraa guddaa argataniiru. Namoota Nanawwee lallaba Yoonaas dhaga’anii yaada geddarachuudhaan eebba argatanii wajjin haala wal fakkaatuun, namoonni kunis “fayyisuun kan Waaqayyoo” waan ta’eef, qophiiwwan hedduu Yihowaan oo’asaatiin jireenya bara baraa kennuuf qopheesse argachuu ni danda’u.—Yon. 2:10.

[Miiljaleewwan]

a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 2, ful. 99-100.

b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, (Ingiliffa) Jildii 1, ful. 593.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi